1Ani, «Arraba kiyyaa fi hujii kiyya cubbuu irraa hin dhoogga;
hulee namni hamaan jiru maratti
afaan kiyya lugaamadha» jedhee waadaa gale.
2Akka duuda'aa cadhise;
waan misha'aafuu afaan qabadhe;
ta'ullee rakkinni kiyya natti jabaate.
3Garaan na gubate;
yaadaan ibiddi natti qabate;
achiin maayessa dubbachuu jalqabe.
4«Gooftaa!
dhuma kiyyaa fi baay'inna bara kiyyaa akka beeku na taasisi;
umuriin kiyya hagam gabaabaa akka ta'e natti himi.»
5Ati bara kiyya haga taakku'uu gabaabsite;
umuriin kiyya si biratti womattuu hin laakkayamu;
dhugamaan jireenni namaa akka fixeensaati.
6Namni akka gaaddisaa lufa;
qabeenna kuufata'aa duwwaa dadhaba;
garuu eennu akka itti fayyadamu hin beeku.
7Amma abdiin kiyya eennu? Rabbii mitii?
kanaafuu yaa Rabbi
ani abdii kiyya si irra godhachuu malee maal godha?
8Cubbuu kiyya maraa irraa na oolchi;
akka worri gowwaan natti baldan hin godhin.
9Kana maraa waan gooteef
ani hin dubbadhu;
hin cadhisa.
10Sababaa ati akka malee bala'aan na dhoofteef
waan miidhameef balaa kee na irraa fageessi.
11Ati nama cubbuu isaatiif hin gorsita; hin adabda;
waan inni jaalatullee akka rimmaa jalaa balleessita;
dhugamaan namni fixeensa hin gawu.
12Yaa Rabbi!
kadhaa kiyya naa dhagayi;
iyya kiyyallee naa caqasi;
booyicha kiyya argitee hin cadhisin;
ani waan akkuma abboota tiyyaa
keessumma'aa fi galaa ta'eef.
13Gara du'ee du'aa hin deebineetitti uduu hin deemne
diqqoo akka gammadu yabo'oo naa obsi.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.