1«Hennaa arroolleen gammoojji'ii itti dhalu beettaa?
hennaa hiddiin dhalu'uuf foolattu hoo argitee beettaa?
2Ji'oota isiin rimayaan turtu laakkoftee beettaa?
hennaa isiin dhaltu hoo beettaa?
3Jilbiiffatanii dhalan;
dhiphinna foolannootaa irraa hara baafatan.
4ilmooleen isaanii hin jabaatan;
raasaa keessatti guddatan;
fooyamanii deeman;
gara isaaniillee hin deebi'an.
5«Harree diidaa eentu bilisa baase?
harree gammoojji'ii hidha'aa eentu hiike?
6Lafa gammoojji'ii hulee itti bobba'an;
lafa sooqiddaa hulee jireennaa godhee kenneef.
7Qachoota jeequmsi itti baay'ate irraa fagaatanii jiraatan;
woca ka isaan oofullee hin dhagayan.
8Gaara irratti bobba'an;
marga lalisaa nyaata isaanii ta'u maraa
argachu'uuf barbaadan.
9«Gafarsi si tajaajilu'uuf hin ajajamaa?
moonaa kee keessa buluu danda'aa?
10akka sii qotuuf qambaruu dandeettaa?
mo'o si duubaan deema'aa qonna kee keessaa hadaa sii guura?
11Waan hunni isaa jabaa ta'eef isa hedattaa?
hujii kee ulfaataa isatti dhiifattaa?
12Midhaan kee
wolitti qabee akka oobdi'itti sii tuulu hedattaa?
13Guchiin koola ufii gammachu'uun hurgufatti;
garuu akka allaattii kaawwaniititti hin barartu.
14Kallee ufii lafa irratti buufti;
akka biyyee keessatti oo'u gooti.
15‹Ka karaa san deemu luka ufiitiin hin cabsa;
bineensi bosonaa irra ijjatee cabsa› jettee hin yaaddu.
16Akka waan ka isi'ii hin taaneetitti ilmoolee ufiititti garaa jabaatti;
uduu dadhabbiin isi'ii duwwaa ta'elle'ee womaa itti hin fakkaatu.
17Akkanatti ka ogummaa isii dhooggate;
akka isiin gowwaa taatuu fi
ka hubannaallee isii dhooggate ana.
18Yoo fiigichatti kaate garuu,
fardaa fi ka farda gulufsiisu yoo morkeen itti kolfiti.
19Fardaa hunna kenniteertaa?
morma isaatitti hoo gam'aa uwwifteertaa?
20ka akka korophiisaatitti utaalchisuun si'ii?
fooqqifni isaa nama sodaachisa
21Faradoon hennaa yaabbatanii gara woraanaa deemaniin
hunna ufii hedatanii dhangala'an.
22Waan tokkollee hin sodaatan;
naasuullee hin qaban;
yoo guraadeellee itti luqqifatan irraa hin deebi'an.
23Meeshaan woraanaa ka worri lolaaf deemu harkatti qabatu
aduu keessatti hin falaqqisa,
hennaa wol tuqu sagalee dhageessisa.
24Yoo xurumbaan afuufamu
garjabeennaa fi lolaan lafa sochoosan.
25Hennaa laagaan xurumba'aa dhagayamu hashu jedhan.
fagoo dhaabatanii duula iyya bulchootaatii fi
raafama loltootaa hafuura fuudhan.
26Dhugama cululleen ka lafa maru
koola ufiillee ka gara kibbaa diriirsu ogummaa keetiinii?
27Bajja ol bayee,
gubba'atti ka maandhee ijaaratu ajaja keetiinii?
28Bajja qilee irra jiraata;
achuma bula;
kusheen isaallee qaccee dhaga'aati.
29Achuma taa'ee waan butu soqa.
ijji isaa waan fagoo jiru argiti.
30Bajja naannoo raqaatii hin dhabamu;
ilmooleen isaa dhiiga dhugan.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.