Seera Laakkobsaa 32 - Kitaaba Woyyuu

Gosa Yoordaanosiin Irraa Gara Baya Biiftu'uutitti Argaman(Kes. Deb. 3:12-22)

1Ijoolleen Roobeeliitii fi ijoolleen Gaadii horii baay'ee qaban ture; lafti Iyyaazeeriitii fi lafti Gala'aadii hori'iif hulee mishaa akka ta'e haga argan;

2Ijoolleen Gaadiitii fi ijoolleen Roobeelii Muusee, gadicha El'aazaarii fi bulchoota bani'iititti dhufanii,

3-4«Lafti Rabbi banii ijoollee Israa'elii afo'otti dhayee isaanii kenne lafti Axaaroot, Diboon, Iyyaazeer, Namraa, Haseboon, Eliyaal, Seebaamaa, Naabawuu fi Baayaan lafa hori'ii tolu; nullee garboonni tee horii qabna;

5ammallee deebi'anii, «Nu'u yoo si afo'otti gaachena argannee jiraanne lafa kana ristii godhii nuu kenni; Yoordaanosiin gama nu hin ceesisin» jedhaniin.

6Muuseenillee ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Roobeeliitiin «Obboleewwan teessan yoo duulaaf deeman isin as teettanii? Maaf onnee ijoollee Israa'elii dadhabsiiftan?

7Akka Rabbi lafa isaanii kennutti akka isaan hin ceesifneefii?

8hennaa ani lafa Qaadeesii haa Gaadani'iif gara Barne'ee erge abbootiin teessan,

9hennaa gara lafa dhooqa Eshkoolii dhaqanii lafa argan akka gara lafa Rabbi isaanii kennee sanitti hin galle onnee ijoollee Israa'elii dadhabsiisan.

33Kanaafuu Muuseen ijoollee Gaadiitii fi ijoollee Roobeelii, wodhakkaa gosa ilma Yooseefii Minaase'eef biyya mootiin worra Amoorotaa Seewoon bulchuu fi biyya mootiin Baasaanii Aagi bulchu naannoo isaaniitii fi qachoota naannaya isaanii jiru maraa isaanii kenne.

34Ijoolleen Gaadii Dibooniin, Axaarootiin, Aroo'eeriin,

35Axirootiin, Shifaaniin, Iyyaazeeriin, Yoogibihaaniin,

36Beetanaamiraan, Beetihaaraaniin, qachoota dallawamte godhanii ijaaran; hoolotaallee gooruu ijaaran.

37Ijoolleeen Roobeeliillee Hasebooniin, Eliyaaliin,

38Qiriyaataayimiin, worra maqaan isaanii jijjiirame Naabaa, Almeewooniin, Seebaamaallee hin ijaaran; qachoota ijaaran kanniin maqaa biraa itti baasan.

39Ilmi Minaase'eetii fi ijoolleen Maakirii gara biyya Gala'aadii dhaqanii worra Amoorotaa ka lafa san irra jiraatan ari'anii lafa san fudhatan.

40Kanaaf Muuseen ilma Minaase'ee Maakirii Gala'aadiin kenneef; innillee lafa san irra jiraate.

41Ilmi Minaase'ee Iyyaa'iriin dhaqee qe'ee sanniin fudhatee qe'ee worra «Iyyaa'irii» jedhee itti baase.

42Noobaahillee dhaqee Qeenaatii fi qe'ee isi'ii maraa fudhatee «Noobaah» jedhee maqaa ufii itti baase.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help