1Rabbi mooyeera;
baniin haa hollatanii;
Kiruubeeliin irratti teessoo irra ta'eera;
ardiin haa sochootu.
2Rabbi Tsiyoonitti gudda'a;
banii maraayyuu ol.
3Maqaa kee gudda'aa fi sodaatamaa haa jajanii;
Inni woyyu'u;
4Mootii jabaa'a; ka haqa jaalattu;
ati sirrii ta'uu kee hundeessite;
haqaa fi qajeellummaallee;
Yaaqoobii kennite.
5Rabbii Waaqa keenna galatoonfadhaa'a;
luka isaa jalatti sagadaa'a;
Inni waan woyyuu ta'eef.
6Muuseenii fi Aaroon
gadoota isaa keessa turan;
Saamu'eelillee worra maqaa isaa waaman keessa;
isaan Rabbiin waamatan;
Innillee isaanii deebise.
7Utubaa duumessaa keessaan isaanitti dubbate;
isaanillee seeraa fi tumata inni isaanii kenne eegan.
8Yaa Rabbi! Waaqa keenna!
Ati dhageettee isaanii deebifte;
yoma badii isaanii haluu baatellee;
Ati Waaqa isaanii dhiiftu.
9Rabbi Waaqa keenna galatoonfadhaa'a;
gaara isaa woyyuu irratti sagadaa'a;
Rabbi Waandhi keenna woyyuu waan ta'eef.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.