Gara Worra Tasolonqe'ee 1ffaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Jireenna Rabbiin Gammachiisu

1 4:10; Qor. 1ffaa 15:58 Eeganaa waan hafeen obboleeyyan tiyya! attamitti akka jiraattanii fi Rabbiinillee attamitti akka gammachiisuu dandeettan nu irraa akka barattan, isinillee akkasumatti akka jiraattan ka duraa caalaa akka baay'attan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin isin kadhanna; isin gorsina.

2Tas. 2ffaa 3:6 Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin ajaja kamiin akka isinii kennine waan beettaniif;

3fedhiin Rabbii akka woyyoomtaniif.

4Seebaruu irraa akka fagaattan, akka worra Yihuudii hin taane ka Rabbiin hin beenne sanniinii fedhaa fi dharraa foonii hamaa hin qabaatinaa'a.

5Isin keessaa namni maruu nafa ufii woyyumma'aa fi ulfinnaan haa eeggatuu.

6Ammallee akkuma duraan isiniin jennee fi akkuma isinii ranne, Gooftaan waan kana maraa waan haluu bayuuf eennullee waan kanaan akka hin yakkine obboleessa ufiillee akka hin sobne.

7Rabbi battumma'aaf uduu hin taane, woyyumma'aaf nu waameera.

8Eeganaa namni gorsa kana jibbu, nama jibbuu isaatii miti; Rabbii Ayyaana Woyyuu akka isin keessa jiraatuuf kenne san jibbe malee.

9Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.

10-12Qor. 2ffaa 8:21; Tas. 2ffaa 3:11-12 Akkasumallee Obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jiran maraaf waan gootaniif. Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! ka duraa caalaa akka baay'attan, cadheensaanillee akka jiraattan, akka hinaaftan, waan keessan irrattillee akka uf eeddan, akkuma nu isin ajanye worra hin amanne jiddu'utti haalaan akka jiraattan, waan isiniif barbaachisuufillee harka namaa irraa akka hin eegganne harka keessaniin akka hojjattaniif isin kadhanna.

Dhufa Goofta'aa

13 Qor. 1ffaa 15:16-24; Efe. 2:12 Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! Akka worra abdii hin qabnee akka worra kaawwanii akkasuma akka hin gaddine; waan worra du'anii akka beettan jaalanna.

14Rom. 14:9; Qor. 1ffaa 6:14; 15:3-4 Yesuus akka du'ee fi akka du'aa ka'e yoo amanne, akkasuma worra Yesuusitti amananii du'an, Rabbi gara ufii waan isaan fiduuf.

15Qor. 1ffaa 15:23,51-52 Wonti dubbii Goofta'aatiin isiniin jennu kana waan ta'eef nu jiraattota taane, haga Gooftaan deebi'ee dhufuuf nu worri jirru worra du'anillee hin firrifnu.

16Tas. 2ffaa 1:7-10; Mat. 24:31 Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin, laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an.

17Qor. 1ffaa 15:51-52 Achiin maayii nu worri jiraata'aarru, Gooftaa qilleensa irratti reebbachu'uuf isaan woliin duumessaan ol fudhatamna. Achiin maayii hennaa maraa Gooftaa woliin jiraanna.

18Kanaafuu isin dubbii kanaan wol jajjabeessaa'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help