1Daawitii fi namoonni isa woliin deeman guyyaa sadeesso'oo gara Tsiqilaagii hennaa deebi'an worri Amaaleqootaa kutaa biyya gara kibbaatii fi Tsiqilaagii duulanii lolanii ibiddaanillee guban.
2Dubartootaa fi worra achi jiran maraa diqqaa irraa haga gudda'aa booji'anii fudhatanii deeman malee nama tokkollee hin ajjeefne.
3Hennaa Daawitii fi namoonni gara qachatti'ii dhufan ammo qachattii ibiddaan gubanii haawwonni manaa ta isaanii, ijoolleen isanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniiran.
4Daawitii fi namoonni isa woliin deeman laagaa ol qabatanii guddisanii booyan.
5Haawwonni manaa ta Daawitii lamaanuu Akinaahomii Iyiziraa'elittii fi Abigiyaan ta Naabaaliin gosa Qarmeloosii irraa du'e booji'amanii turan.
6Namoonni maruu waan ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniif jireenni isaanii isaanitti hadhaayeeruuf Daawitiin dhaga'aan dhayaa'a waan jedhaniif Daawiti guddisee gadde; inni garuu maqaa Rabbii Waaqa ufiitiin jabaate.
7Daawiti Abiyaatarii gadicha ilma Abemelekiitiin «Efuudii naa fidi» jedhe; Abiyaatarillee Efuudii Daawitii fide.Sam. 1ffaa 22:20-23
8Daawiti ammo «Saamtota tanniin hordofee isaan qabuu?» jedhee Rabbiin gaafate;
Rabbillee, «Boojuu kee hin deebifattaa ka'ii hordofi!» jedheen.
9Kanaaf Daawitii fi loltoonni dhibba jaha gayan gara laga Beesoorii hennaa gayan isaan keessaa gariin achuma turan.
10Namoonni dhibba lamaa guddisanii waan dadhabaniif laga Beesoorii ceewuu hin dandeenne kanaaf achitti hafan; Daawitii fi namoonni isaa dhibbi afurii ammo jara hordofan.
11Ka'imticha biyya Misirii tokko arganii gara Daawitii fidan waan nyaatuu fi bisaanillee hin kennaniif.
12Daraaraa muka hurbu'uu lama kennaniif; ka'imtichi haga nyaateen maayessa hin jajjabaate; achiin dura guyyaa sadihii fi halkan sadihii midhaanii fi bisaan womaa afaaniin hin qabne.
13Daawiti ka'imticha saniin, «Ati hojjataa eennuuti? eessaa dhufte?» jedhee gaafate; ka'imtichi, «Ani nama Misiriiti hojjata Amaaleqicha tokkooti; ani dhukkubsannaan guyyaa sadihiin dura gooftaan kiyya na gatee deeme.
14Uduu kun hin taane biyya Yihuuda'aa ta gara dhiyaa jirtu lafa Keertootaatii fi lafa Kaaleebii Tsiqlaagiin itti duullee ibiddaan gubneerra» jedheen.
15Daawiti isaan, «Gara hulee saamtonni jiranii na geessuu dandeettaa?» jedhee gaafate; ka'imtichillee, «Akka na hin ajjeefne dabarsitee gooftaa kiyyatti akka na hin kennine naa kakadhu; gara isaanii si geessaa» jedheen.
16Achiin maayessa Daawiti hennaa hulee jarri jirtu geessu isaan hulee sanitti faca'anii nyaata'aa dhuga'aa boojuu guddaa biyya Filisxeemiitii fi biyya Yihuudotaa ka booji'an maratti gammada'aa turan.
17Daawiti halkan san irraa jalqabee haga bariisaa san galgalaa isaaniin lola'aa ture; namoota dhibba afurii ka gaala yaabbatanii jalaa baqatan malee dhiirti tokkollee jalaa hin baane.
18Daawiti waan worri Amaaleqii fudhatan maraa harkaa dachaase haawwota manaa lamaan ufiillee eda'ee deebise.
19Wonti tokkollee uduu hin dhidhatin Daawiti namoota isa faanaa deemanii waan worri Amaaleqii booji'an maraa deebiseef.
20Daawiti sa'oolee, hoolotaa fi re'iin maraa hin fudhate; worri Daawitiin woliin deeman «Horiin kun horii Daawiti booji'e!» jedhan.
21Daawiti deebi'ee gara namoota dhibba lamaa worra guddisanii dadhabanii laga Beesooriititti isa biraa hafaniiranii dhaqe; isaanillee Daawitii fi namoota isa woliin jiran reebbachu'uuf bayan; Daawitii fi namoota isa woliin jiran gara jaraa dhiyaatanii isaan gaafatan.
22Garuu worra Daawitiin woliin deeman keessaa namoonni hammeeyyiinii fi namoonni amala badaa qaban, «Isaan nu woliin waan hin deemneef isaan maruu dubartoota ufiitii fi ijoollee ufii fudhatanii haa deemanii malee boojuu nu deebifanne keessaa tokkollee hin kenninuu» jedhan.
23Daawiti garuu, «Obboleewwan tiyya! lakkaa mootee Rabbi nuu kenne kanaan waan akkanaa hin hojjatinaa'a; inni nu eegee saamtota nutti ka'anillee dabarsee harka keenna jala galcheera.
24Wonti isin jettan hin ta'u! qoonni worra lola dhaqaniitii fi worra mi'a biratti hafanii wol qixxee qoodamtan» jedhe.
25Daawiti guyyaa sanii jalqabee haga ammaatitti dubbii san worra Israa'eliitii seeraa fi ajaja godhee dhaabe.
26Daawiti deebi'ee gara Tsiqilaagii hennaa dhufe wonta saaman irraa jaarsota Yihuuda'aa worra fira isaa ta'aniif kennaa ergee «Kunoo kennaan kun wonta diintota Rabbii irraa booji'amee isiniif ergame» jedhe.
27Achii boojuu san worra Beeteelii fi worra Raamootii, worra gara kibbaa, worra Yaatirii,
28Worra Aro'eerii, worra Siifmootii, worra Eshtemo'a'aaf,
29Worra Qarmeloosii worra qachoota Yiraahimi'eliitii fi Qeenaawota keessa jiranii,
30Worra Heerma'aa, Worra Boorsaanii, worra Ataakii,
31worra Keebroonii, akkasuma worra hulee inni namoota isaa woliin keessa jiraata'aa ture maraafuu erge.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.