1Ilma kiyya! yoo ollaa keetii wobii taate,
waan nama biraatiif yoo ganaa dhooftee waadaa galteef,
2yoo waan dubbatteen qabamte,
dubbii afaan keetii bayeen yoo si qaban,
3ilma kiyya! uf oolchu'uuf kana godhi;
waan ollaa kee jalatti kufteef,
gara nama sanii dhaqii miilatti kufi,
ollaa kee jabeessii wogi.
4Uduu kana hin goone hin rafin
ija tee hirribni hin qabin;
5Akkuma kurupheen ka isii dhadhoolu jalaa baatuu,
akkuma simbira siiboo ka isii adamsu jalaa baatuutitti
uf oolchi.
6Ati namni hifatu; gara mixi'ii dhaqii karaa isi'ii laali;
mala isaa hubadhuu ogeessa ta'i;
7Ka isa ajaju hin qabu;
bulcha'aa fi hoogganaallee hin qabu;
8Ta'ullee bonaan nyaata ufii kuufata;
hennaa haama'aa dhiyana ufii wolitti qabata;
9Ati namni hifataan!
haga yoomii rafta?
yoom hirribaa kaata?
10Diqqoo muga'aa diqqoo rafuun,
harka maratanii «Mee diqqoo hara baafadhaa» jechuun;
11hiyyummaan akka shifta'aatitti,
dhabdillee akka nama meeshaa hidhateetitti sitti dhufa.
12Namni gadheenii fi garjabeessi;
ka arraba adaba hin qabne qabatee naannayu;
13ka ijaan nama dhayu;
ka luka raasu, ka quba namatti qabu,
14Ka garaa ufii keessatti dharaa fi hammeenna dhayu;
yoo maraa lola kaasa.
15Kanaafuu tasa balaan itti bu'a;
dimmaa bada; ka isa oolchu hin jiru.
16Wonti Rabbi jibbu waa jaha;
torbeessoo lubbuu ufii keessatti guddisee jibba;
17Uf jajuu,
arraba sobu,
harka nama dhiiga nama balleesssaa hin qabnee jissu,
18ka garaa ufii keessatti dhara dhayu,
miila dharaaf ariifatu,
19Ragaa sobaa ka kijiba irratti kijiba eda'ee ragu,
nama obboleewwan wol lolchiisu.
Seebara Irraa Fagaachuu'u20Ilma kiyya! ajaja abbeetii kabajji;
barumsa haatetiillee hin dhiisin.
21Hennaa maraa gara'atti qabadhu,
mormatti hidhadhu.
22Yoo deemtu maraa si masakkan,
hennaa raftullee si eegan;
hennaa dammaxxullee si qaassan.
23Ajanyi kunniin ibsaa waan ta'aniif
barumsi kunillee ifa,
gorsa, sirreessa'a, karaa jireennaati;
24Inni kun dubartii adaba dhabeettii irraa,
dubartii arraba laafaa qabdu ta seebartu irraa si eega.
25Bareeddinna isi'ii garaa kee keessatti hin hawwin;
ijji isi'ii si hin booji'in.
26Dubartii sagaagaltu kutaa buddeenaatiin argatta;
sagaagaltuun dhokattee jireenna kee dhadhoolti;
27Namni ibidda boba'atti qabatee
uffanni isaa sirima hin gubanne jiraa?
28Namni barbadaa irra deemee
lutti isaa hin gubanne jiraa?
29Namni haadha manaa nama biraa bira seenullee akkanuma;
ka isii tuqu maruu uduu hin adabamne hin hafu.
30Hattuun beelayee beela cabsachu'uuf yoo hate
namoonni isa hin tuffatan.
31Yoo ka qabeenna manaa qabu maraa ka gaafatuullee
yoo qabame dachaa torba kaffala.
32Namni seebaru nama waa hin bikkine,
ka waan kana godhu maruu uf balleessa;
33Tumamu'uu fi salphachuun hiree isaati;
salphinni sirima isa irraa hin badu.
34Hinaaffaan lola abbaa worraa waan kakkaasuuf
hennaa haluu bayu hin nayuuf.
35Inni kaffaltii tokkollee hin fudhatu
yoma hagamillee baay'ee ta'e
kennaan aarii isaa hin qabbaneessu
guddisee kenne'eefillee hin araaramu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.