Gara Worra Rooma'aa 15 - Kitaaba Woyyuu

Namoota Biraa Gammachiisaa

1 14:1-2; Qor. 1ffaa 9:22 Nu worri amanti'iin jajjabaa taane, dadhabbii worra dadhabanii baadhachuu nu barbaachisa malee, uf gammachiisuu nu hin barbaachisu.

2Marti keennaa akka inni jajjabaatu faayidaa isaatiif goshoo keenna haa gammachiifnuu.

3Yoh. 8:50; Far. 69:9 Kiristoos waan uf hin gammachiifneef. «Tuffiin si tuffatan na irra gayeera» jedhamee akkuma barreeffame isa irratti ta'e.

44:23-24; Qor. 1ffaa 10:11; Xim. 2ffaa 3:16 Jabaachu'uuf abdiin jajjabeennaa ka Kitaabni kenneen wonti dura barreeffame maruu barumsa keennaaf waan nuuf barreeffameeruuf.

5Yaada tokko taatanii afaan tokkoon Rabbiin,

6Innillee Abbaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii akka kabajjitan Waandhi obsaatii fi jajjabeennaa akka fedha Yesuus Kiristoosiititti yaada tokko isinii haa kennu.

Phaawuloos Worra Yihuudota Hin taanetti Lallabe

7Kanaafuu Kiristoosiin ulfinna Rabbiitiif akka amantan, akkasuma isin wol simadhaa'a.

8Dubbii abdi'ii ka abboota keenna ittiin jabeessu'uuf kenne, akkasuma

«Kanaaf worra Yihuudii hin taane jiddu'utti si galatoonfadha.

Maqaa keetiifillee hin faarfadha» jedhamee akkuma barreeffame,

9Worri Yihuudi hin taane waan araara isaatiif Rabbiin akka kabajjan,

Kiristoos waan dhugaa Rabbiitiif tajaajilaa gadoomu'uu ta'e jedha.

10Akkasuma ammo,

«Worri Yihuudii hin taane banii isaa woliin gammadaa'a» jedha.

11Akkasuma,

«Worri Yihuudota hin taane maruu, Gooftaa galatoonfadhaa'a;

Baniin maruu haa jajaniinii!» jedha.

12Akkasuma Isaayyaasillee,

«Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa;

inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a,

worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha.

13Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.

Sababaa Phaawuloos Sodaa Malee Barreesse

14Ani akkasuma obboleeyyan tiyya! Isin akkuma mishumma'aan guuttamtan, beekkumsa maraa akkuma argattan isin akkasuma akka wol gorsuu dandeettan waan keessan hubadheera.

15Haa ta'uu ammo worri Yihuudii hin taane Ayyaana Woyyu'uun woyyoomanii ciincaa jaalatamaa akka ta'an, Dubbii Nagayaa ka Rabbiitiif akka gadichaatitti tajaajilaa, worra Yihuudii hin taaneef tajaajilaa Yesuus Kiristoosii akka ta'u,

16sababa badhaadhummaa Rabbiin biraa naa kennameen deebi'ee isin hubachiisu'uuf jedhee bakka tokko tokkotti uggiiti'iin isinii barreesse.

17Eegasuu waan Rabbiin biraa ta'uun Yesuus Kiristoosiin boona qaba.

18Worri Yihuudii hin taane akka ajajaman Kiristoos dubbii, hujii, malkata, hunnaa fi maalalee gudda'aan hunna Ayyaana Woyyu'uutiin, na keessa ta'ee waan hojjateen alatti womaa dubbatuu hin uggu.

19Kanaafuu Yerusaalemii jalqabee haga Iliwaarqoon naannayee Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera.

20Akkasuma karaa namni biraa bu'uura buuse irratti akka hin hunye, maqaan Kiristoosii bakka itti waamametti uduu hin taane, Dubbii Nagayaa lallabu'uuf tattaafadhe.

21Haa ta'uu ammo,

«Worri waan isaa itti hin himamne hin argan;

worri hin dhageennellee hin hubatan» jedhamee akkuma barreeffame.

Phaawuloos Gara Rooma'aa Dhaqu'uuf Yaade

22Kanaafuu akkasuma gara keessan akka hin dhufne hennaa hedduu dhooggame.

23Amma ammo biyya tanatti uf afo'oof hulee waan hin qabneef woggaa heddu irraa jalqabee gara keessan dhufu'uuf waan haawwii qabuuf.

24Hennaa gara Ispaaniya'aa lufu firrisee isin argu'uuf hennaa diqqoo haga yaada isin bayeen maayii isinillee imala kiyyaaf akka na gargaartan abdii godha.

25Amma ammo woyyoota tajaajilu'uuf gara Yerusaalemii deema.

26Maqedooniya'aa fi Akkaayaan Yerusaalemitti hiyyeeyyii woyyoota jidduu jiran gargaaruu waan murteeffataniif.

27Waan jaalataniif worri sun isaaniif ba'aa isaaniiti. Worri Yihuudii hin taane eega eebba Ayyaana Yihuudotaa isaan irraa qoodaman, isaanillee eebba lafa irraa argatan, Yihuudotaa qooduun isaanii giddi'i.

28Eeganaa kana raawwadhee gargaarsa wolitti qabame kana eega isinitti kenneen maayii karaa keessaniin lufee gara Ispaaniya'aa deema.

29Hennaa gara keessanillee dhufu eebba Kiristoosii guutu'uun akka dhufu hin beeka.

30Obboleeyyan tiyya! Anaaf Rabbiin kadhata'aa na woliin akka xaartan, Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalala Ayyaanaatiin isin kadhadha.

31Fedha Rabbiitiin gammachu'uun gara keessan dhufee isin biratti akka hara baafadhu, worra Yihuudaa jiran keessaa ka hin ajajamne jalaa akka bayu,

32tajaajila Yerusaalemitti qabuun woyyoota ka gammachiisu akka ta'u Rabbiin naa kadhadhaa'a.

3316:20; Tas. 1ffaa 5:23; Tas. 2ffaa 3:16 Waandhi nagayaa isin maraa woliin haa ta'u! Amiin!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help