1Kunoo Rabbi lafa duwwaa taasisa;
sirima isii balleessa;
tuulaa diiggame isii taasisa;
worra isii keessa jiraatanillee hin bittinneessa.
2Wonti maruu bifa tokko ta'a;
wonti banii irratti ta'u gadicha irratti;
ka hojjataa irratti ta'u gooftaa isaa irratti;
ka hojjataa irratti ta'u giiftitti'itti;
wonti ka bitu irratti ta'u ka gurguru irratti;
wonti ka liqeeffatu irratti ta'u, ka liqeessu irrattillee;
wonti ka liqaa deebisu irratti ta'u, ka liqeessu irrattillee hin ta'a.
3Lafti sirima duwwaa taati;
sirima saamamti;
Rabbi jecha kana waan dubbateeruuf.
4Lafti hin goddi; shamtee ciccitti;
adunyaan dadhabdee harti; shamtee ciccitti;
abboonni murti'ii ka ardii irra jiraatan
dadhabanii haran.
5Lafti banima ufiitiin battoofteerti;
seera diiganiiran;
seera cabsaniiran;
waadaa bara baraa diiganiiran;
6Kanaafuu abaarsi lafa balleessa;
baniin waan yakka ufiitiif adabama;
kanaafuu worri ardii irra jiraatan gubataniiru;
baay'ee hago'otu hafe.
7Daadhiin woyini'ii haarofni hin dhumate;
biqiltuun woyini'iillee hin goge;
worri gammadan maruu hin woyatan.
8Gammachuun dibbe'ee hin cadhise;
iyyi worra lafa dhiituu hin dhaabate;
kiraarri sagalee guddaa dhageessisu ka nama gammachiisu
haxum jedhe.
9Ammaa achi sirba'aa daadhii woyini'ii
hin dhugan;
dhuddoon worra dhugutti hin hadhaaya.
10Qachaan diiggamte ona taate;
karaan manniin seenaniin hin cufame.
11Bayima marattuu ka daadhii woyini'ii qabdu
jedha'aa iyyan;
gammachuun maruu gara gaddaa jijjiirama;
usheexxuun maruu lafa irraa badeera.
12Qachattiin sirima diiggamteerti;
balballan isi'iillee bututanii kufaniiran.
13Akkuma yoo ejersa dhayan daraaraan harca'u;
akkuma hurbuu woyini'iillee yoo muran qarmiin hafu;
lafa irratti;
baniinillee akkasuma ta'a.
14Worri badii irraa hafan laagaa ufii ol qabatan;
gammachu'uun iyyan;
gara lixaatiillee ulfinna Rabbii dhageessisan.
15Kanaafuu gara baya biiftu'uutii ulfinna Rabbii kennaa'a;
lafa bisaaniin marfamte ta galaana keessaatiillee
maqaan Rabbii Waaqa Israa'elii;
kabajjaa'a.
16Faaruu «Woyyichaaf ulfinni haa ta'u» jedhu;
daangaa lafaatii dhageenne;
ani garuu, «Hin huqqadhe; hin qadhadhe;
na hobbaasi!
gantoonni dabarsanii kennan;
gantoonni gantummaa ufiitiin dabarsanii kennan»
jedhe.
17Banii lafa irraa!
raafamni, boollinii fi siiboon isin eega'aaran.
18Ka laagaa raafamaa dheessu;
boolla seena;
ka boollaa baye;
siibo'otu qaba;
waan foddaawwan sami'ii banamaniif;
hundeen lafaallee hin raafamte.
19Lafti hin baqaxxe;
lafti gar gar qoodamte;
lafti sirima raafamte.
20Lafti akka machaaya'aatitti jaanjoofte;
akka goom'ee qilleensi raasuu taate;
akki dhibuu isi'ii waan ulfaataa ta'eef;
hin kufti;
deebitee hin kaatu.
21Bara san Rabbi;
hunna samiiwwan gubbaa jiran;
mootota gad ardii irra jiran;
isaan adaba.
22Akka hidhamtoota boolla keessa jiranii;
wolitti guuraman;
manuma hidha'aatitti isaanitti cufama;
guyyaa hedduun maayessa murti'iif dhiyaatan.
23Rabbi Gooftaan banii maraa;
gaara Tsiyooniitii fi Yerusaalemitti;
jaarsota afo'ottillee ulfinnaan waan mooyuuf;
addeessi hin rifatti; aduunillee hin saalfatti.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.