Abboota Murti'ii 21 - Kitaaba Woyyuu

Haawwota manaa ta Namoota worra Biiniyaamii Irraa Dhalataniif Ramadamte

1Namoonni Israa'elii, «Nu keessaa eennullee durba ufii worra gosa Biiniyaamiititti akka hin heerumsiifne» jedhanii Mitsipha'atti wolii kakatan.

2Baniin maruu gara Beeteelii dhaqanii achitti haga galgalaa Rabbiin afoo taa'anii laagaa ufii ol qabatanii booya guddaa booyan.

3«Yabo'oo Waaqa Israa'elii, gofti tokko Israa'eliin keessaa dhabamuun kun maali'i?» jedhan.

4Haga bariite baniin ganamaan ka'anii achitti waan ciincaa irratti dhiyeessan hojjatanii kennaa fayyumma'aaf ciincawu dhiyeessan.

5Ijoolleen Israa'elii, «Namni gara Mitsipha'aa hin baane haa du'uu» jedhanii waan guddisanii wolii kakataniif, «Gosa Israa'elii maraa keessaa namni gara gumii Rabbii Waaqa afoo hin baane eennu?» jedhan.

6Ijoolleen Israa'elii waan obboleewwan ufii waan worra Biiniyaamiitiif guddisanii gaabbanii, «Nu adha worra keenna ka Israa'elii keessaa gosa tokko dhabneerra,

7nu akka ijoollee teenna ta durbaa isaanitti hin heerumsiifne waan kakanneerruuf worri hafan haadha manaa akka argatan maal haa goonu?» woliin jedhan.

8Isaan, «Gosa Israa'elii keessaa gara Rabbii gara Mitsipha'aa ka hin baane eennu? jedhan; hennaa san Iyyaabisii Gala'aadii keessaa namni tokkollee gara gumii Rabbii hin baane ture.

9Hennaa banii tooyatan, namni Iyyaabisii Gala'aadii keessa jiraatu achitti hin argamne.

10Baniin achitti wol gaye, «Namoota duulu jajjabaa, namoota Iyyaabisii Gala'aadii keessaa, dubaraa fi daa'immanillee guraade'een fixaa'a» jedhanii namoota kuma kudha lamaa ergan.

11Wonti isin gootan, dhiira maraa, durba dhiirti bira geette maraa sirima balleessaa'a jedhanii isaan ajajan.

12Durba babbareeddan dhiira bira hin geenne dhibba afurii worra Iyyaabisii Gala'aadii keessa jiraatu keessatti arganii gara Seeloo biyya Kana'aanii jirtuu gara qe'ee ufii isaan fidan.

13Achiin maayessa baniin maruu gara banii hulee dhagaa Riimoonii bira jiraatuu gara worra Biiniyaamii akka lolli dhaabatuuf dhaamsa isaanitti ergan.

14Hennaa san worri gosa Biiniyaamii deebi'anii dhufan; worri Israa'elii durba Iyyaabisii Gala'aadiititti du'a irraa hambisan isaanitti fuudhan; garuu durbi sunniin laakkobsaan hagoo waan ta'aniif wol isaan hin geenne.

15Rabbi tokkummaan gosa Israa'elii akka addaan citu waan godheef, baniin maruu waan Biiniyaamiitiif guddisanii gaddan.

16Jaarsonni gumi'ii, «Worra Biiniyaamii keessaa dubartoonni waan dhabamaniif namoonni hafan akka haadha manaa argatan nu maal haa goonu?» jedhan.

17Gosa Israa'elii keessaa gofti tokkollee akka hin banne, worri gosa Biiniyaamii worra isaan dhaalu qabaatuu barbaachisa.

18Worri Israa'elii, «Namni ijoollee Biiniyaamiititti ijoollee durbaa mucattii ufii heerumsiise haa abaaramu» jedhanii waan kakataniif, «Nu'u ijoollee teenna isaanitti hin heerumsiifnu» jedhan.

19Kanaan maayessa, «Ayyaanni wogga wogga'aan Seelo'otti Rabbii qophaayu hin jira» jedhanii yaadan; Seeloon Beeteeliin irraa gara kaabaa, Laabonaa irraa gara kibbaa, karaa gara baya biiftu'uutiin Beeteelii fi Seekeemiin jiddu'utitti argamti.

20Kanaafuu worra Biiniyaamii akkana jedhanii ajajan, «Deema'aatii muka woyini'ii keessatti dhokadhaa'a,

21Dubartoonni Seelo'oo guyyaa ayyaanaatiin dibbee qabatanii sirbu'uuf yoo dhufan, isinillee muka woyini'ii keessaa baya'aatii dubartoota yaa'an sanniin keessaa tokko tokko buta'aatii haadha manaa taasifadha'aatii gara bulchiinsa biyya Biiniyaamii fidaa'a.

22Abboonni isaaniitii fi obboleewwan isaanii isiniin lolu'uuf yoo isinitti dhufan, «Nu isaan hunnaan waan hin fudhanneef yabo'oo nuu dhiisaa'a; garuu nu'u fedhaan waan isin irraa isaan hin fuuneef yakka jalaa hin baatan jechuu dandeettan»

23Ijoolleen Biiniyaamii akkuma isaan jedhan godhan, haga laakkobsa isaaniitiin durba sirbu'uuf yaate butanii haadha manaa taasifatanii gara lafa ufii deebi'anii qachoota ijaaratanii keessa jiraatan.

24Hennaa san ijoolleen Israa'eliillee achii ka'anii gara gosaa fi worra ufii deeman; namni maruu hulee san dhiisee gara lafa ufii deebi'e.

25Bara san worri Israa'elii mootii hin qaban ture; namni maruu woma isatti mishaa fakkaate godha ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help