Raajii Naahoomii 3 - Kitaaba Woyyuu

1Qachaa Nanawwe'ee ta worra nama ajjeesanii fi

ta sirima sobduu taate

worra nama saamu'uun beekkamanii fi qachaa boojuu hedduu keessa guutee

hobbaasi!

2Isii keessa laagaa shabbeenaatii fi miila akka miila korbo'oo

gulufa fardaatii fi iyya gaarii fardaatitu dhagayama.

3Worri fardaan gulufan gara afo'oo deema'aa

guraadee isaanii ka ifuu fi eboo isaanii ka falaqqisu kaasan;

namoonni hedduu waan du'aniif

reeffi wol irratti tuulameera;

sababaa reeffi baay'ateef

namni karaa saniin lufu maruu hin gufata.

4Sababaan wonti kun ta'eef seebara seebartittii daangaa hin qabneetiif;

isiin haadha mita hojjattu ta bareeddinna ufiitiin nama sobdu;

mootota seebaraan,

banii mora'aafii boojiti.

5Waandhi banii maraa akkana jedha,

«Ani sitti ka'eera;

shinshinii kee si irraa mulqee fuulatti si uwwisa;

baniin qullaa ta'uu kee

mootonnillee salphinna kee hin argan.

6Ani hulee fishaa itti gatan si taasisa;

ani ija tuffi'iitiin si laala;

namni maruu akka sitti baldu taasisa.

7Namni si arge maruu saalfatee

‹Nanawween diiggamtee waan ona taateef,

eentu isi'ii naya?› jedha;

ka isii jajjabeessu ani eessaa isi'ii arga?»

8Nanawwee'e! ati qachaa biyya Misirii ta Teebis jedhamtu akkuma ati bisaan waa si irraa ittisu qabdu ta laga Abbaayii bira jirtu, ta naannoon isi'ii bisaaniin marfamee fi bisaan galaanaa ka waa isii irraa ittisu caaltaa?

9Hunni isi'ii ka daangaa hin qabne biyya Misiriitii fi biyya Itoophiya'aa keessaa dhufa; namoonni Fuuxiitii fi Liibiya'aa worra isii gargaaran turan.

10Kun maruu ta'ee qachaa Teebisii diintonni isi'ii qabatanii banii isi'ii booji'aniiran; daa'imman isi'ii dhaga'aan bubburussanii karaa maraa irrattuu kuffisaniiran; isaan worra gugurdaa isi'ii irratti hixaa buufataniiran; bulchoota isi'ii haada sibiilaatiin hidhan.

11Nanawwee'e! hennaan ati akka nama machaayee gatantaruu taatuu fi diintota kee jalaa dheessitee hulee itti dhokattu soqattu hin dhufa.

12Kusheewwan kee maruu muka hurbu'uu ka dura gayee daraaraa baadhate ta'an; inni hennaa socho'ee daraaraan isa irraa harca'e afaan nama isa nyaatuu keessa bu'a.

13Loltoonni tee maruu akka intalaa sodaattuu ta'aniiran; balballan daangaa keetii diintota keetii banamaniiran; loosaawwan ibiddatu gubeera;

14Diintonni tee hennaa marsanii si rakkisan bisaan dhuddu woraabii kaayadhu! kusheewwan kee jabeeffadhu; dhoqqee faaraan hojjatan dhiitii qopheessii faara dhayi.

15Ati ibiddaan gubatta; baniin keellee lolaan dhumatuu hin oolan; akka midhaan tuunni awwaannisaa nyaateetitti bada; kanaafuu isin akka awwaannisaatii fi akka siqo'ootitti baay'adhaa'a.

16Daldaltoonni tee urjii sami'ii caalaa baay'ataniiran; ammo akka awwaannisaa lafa dheedanii barbadeessanii bararanii lixan.

17Worri si eegan akka korophiisaa, worri kee ka baallii qaban akka tuuta awwaannisa ka hennaa qorraa dallawa irratti quphatuuti; hennaa aduun baye bararanii lixan; garam akka lixa'aaran ka beeku hin jiru.

18Mootii Asoorii! worri si eegan rafaniiran; worri gugurdaan muganiiran; baniin kee gaarran irra bittinnaayaniiran; ka wolitti isaan qabu hin jiru.

19Ati akka hamaa waan madoofteef ka madaa kee fayyisuu danda'u hin jiru; hujii kee ka gar jabeennaa ka dhuma hin qabne jalaa dheessee baye waan hin jirreef worri waan kee dhagayan maruu kufa keetitti harka dhayan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help