Seera Keessa Deebii 26 - Kitaaba Woyyuu

Kennaa Waan Dura Galfatan Keessaa Kennamuu Fi Kurneessoo'o

1«Lafa Rabbi Waandhi kee sii kennutti yoo galte;

2Lafa san irraa sanyii argattu maraa irraa kennaa kee ka duraa fuudhii keeshe'etti buusii gara hulee Rabbi Waandhi kee filatee fidi;Ser. Ba'u. 23:19

3gara gadicha bara san jiruu dhaxxee, ‹Lafa Rabbi abboota keennaa kakatetti adha akka galle Rabbii Waaqa kee afo'otti adha sii mirkaneessa› jedhiin.

4«Gadichillee keeshee kee si harkaa fuudhee hulee ciinca'aa Rabbii Waaqa kee afoo haa fiduu;

5Achiin maayessa Rabbii Waaqa kee afo'otti ‹Abbaan kiyya nama Sooriya'aa ka olii gad raantaye inni nama hagoo qabatee gara biyya Misirii dhaqee achi jiraatee banii guddaa ta'e.

6Worri biyya Misirii garuu nu rakkisanii hujii ulfaataa nutti fe'an.

7Nullee gara Rabbii Waaqa abboota keennaa iyyanne; Rabbillee nuu dhagayee rakkoo keenna, dadhabbii keennaa fi miidhamuu keennallee argee

8irree ufii jabaa guddaa sodaachisa'aan baasaa fi maalale'een biyya Misirii keessaa nu baasee

9lafa tana ta aannanii fi damma baaftu nuu kenne.

10Ammallee kunoo yabo'oo daraaraa lafa ati naa kennite keessaa ka duraa sii dhiyeesseera; atillee Rabbii Waaqa kee afoo fidii kaayiitii Rabbii Waaqa keetii sagadi.

11Worri Leewwi'ii ka si woliin jiraatanii fi galaan si jidduu jiraatu arjummaa Rabbi Waandhi kee si'ii fi maatii keetii kenneen isaan woliin gammada'aa galatoonfadhaa'a.

12«Woggaa sadeesso'oo ka kurneessoo kee itti baaftutti sanyii kee ka duraa maraa hennaa baaftee raawwatte worra Leewwi'ii, galaa si woliin jiraatu, worra hiyyeessaatii fi haadha hiyyeessaa maruu akka nyaatanii quufan isaanii kenni.Kes. Deb. 14:28-29

13Ati Rabbii Waaqa kee afo'otti ‹waan woyyoome mana kiyyaa fuudhee akkuma ati na ajajjetti Leewwi'ii, nama namatti galee jiraatuu, hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaatiifillee maraa kenneera; ani ajaja kee hin diinne; hin irraafannelle'e.

14Hennaa gaddaallee ani isa irraa womaa hin nyaanne; battummaa kiyya irraa qulqullaayu'uuf isa irraa womaa hin baafne; ani dubbii Rabbii Waaqa kiyyaa waan dhagaye maraa godheera.

15Samii hulee teessoo teetii woyyuu irraa gad laalii banii kana tooyadhu; lafa abboota teennaa kakatte ta aannanii fi damma baaftu banii Israa'eliitiif eebbisi.›

Banii Rabbiif Fooyame

16Rabbi Waandhi kee seeraa fi murtii kana akka eeddee raawwaatuuf si ajajeera; atillee onnee kee guutu'uu fi qalbii kee guutu'uun eegii raawwadhu.

17Ati akka karaa isaa deemtu seera, ajajaa fi murtii isaa akka eeddu jecha isaallee akka dhageettu Rabbi Waandhi kee akka Waaqa ta'e adha mirkaneessiteerta.

18Kanaaf akka abdii Rabbi sii kenneetitti ati banii isaatii fi qabeenna isaa akka taatu, ajaja isaa maraa akka eeddu; banii isaa akka taatu, jecha isaallee akka dhageettu Rabbi Waandhi kee Waaqa akka ta'e si beessiseera; yoo ati kana goote banii ufii uume maraa keessaa,Ser. Ba'u. 19:5; Kes. Deb. 4:20; 7:6; 14:2; Tit. 2:14; Phex. 2ffaa 2:9

19galata, maqa'aa fi ulfinna maraanuu akka ol si qabu akkuma ufii dubbate ati Rabbii Waaqa keetiif banii woyyuu akka taatu adha sitti himeera.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help