1Baruma san akkuma Sedeqiyaas mooyeen woggaa arfeesso'oo ji'a shaneesso'ootitti raattichi ilmi Azuurii namni biyya Gabaa'oonii Hanaaniyaan mana Rabbii keessatti raattotaa fi banii maraa afo'otti akkana naan jedhe,Mot. 2ffaa 24:18-20; Sen. 2ffaa 36:11-13
2«Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa qambara mootii Baabiloonii hin cabsa;
3ani meeshaa mana woyyu'uu ka mootichi Nabukadanatsoor gara Baabiloonii fide maraa woggaa lama keessatti gara hulee kanaa deebisa.
4Akkasuma Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii Yihuuda'aa, banii Yihuuda'aa worra booji'amanii fi waan isaanii ka booji'ame woliin Baabiloonii as isa deebisa; Ee! seera bulchiinsa mootii Baabiloonii hin cabsa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
5Ani gadootaa fi banii mana woyyuu afoo dhaabate maraa afo'otti Hanaaniya'aan akkana jedhe,
6«Amiin! Rabbi akkuma ati jette haa godhu! Rabbi meeshaa mana woyyu'uu fidu'uu fi worra booji'aman deebisu'uun raaga ati dubbatte haa raawwatu.
7Ta'ullee waan sii fi bani'itti dubbadhu dhagayi.
8Raattonni bara durii ka anaa fi si'ii dura ka'an banii hedduu fi mootota gugurdaa irratti lolli, beellinii fi balaan akka dhufu raaganiiran.
9Garuu raattichi waan nagayaatiif dubbate yoo jiraate raaga Rabbiin irraa ergame akka ta'e ka beekkamu yoo raanni inni raage sun dhugaa ta'ee argame calla'a.»
10Kanaan maayessa raattichi Hanaaniyaan qambaraa lum'a kiyya irra jiru fuudhee caccabse.
11Inni banii maraa afoo dhaabatee, «Waan kana yoo dubbatu Rabbi waan kana woggaa lama keessatti qambara bulchiinsa mootii Baabiloonii ka banii irra jiru fuudhee akka caccabsu natti dubbateera» jedhe; achiin maayessa ani ka'ee achii deeme.
12Haga raattichi Hanaaniyaan qambara lum'a raatticha Ermiyaasiin irra jiru cabseen maayessa dubbii Rabbi gara Ermiyaasii ergeen,
13«Deemi! Hanaaniya'aan akkana jedhi, ‹Ati qambaraa mukaa cabsiteerta; ani garuu bikka san qambara sibiilaa hojjadha.
14Ani lum'a banii kanniinii maraa irratti qambara sibiilaa fe'a; isaan Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii jalatti bulan; waan biraa dhiisii busaawaan lafa onaa keessa jiruu akka isa jalatti bulan taasisa› jedhii itti himi naan jedhe; ka waan kana dubbate ana Waaqa Israa'elii Gooftaa banii maraati.»
15Ani dubbima kana Hanaaniya'atti akkana jedhee hime, «Hanaaniyaa'a! na dhagayi; Rabbi bee si hin erginee ati banii kanniin maraa akka dubbii sobaa hedatan gooteerta.
16Kanaafuu Rabbi, «Ani sirima lafa irraa si balleessa, sababaa ati baniin ana Waaqa ufiititti akka ka'u gooteef uduu woggaan kun hin dhumanne duuta› jedha.
17Raattichi Hanaaniyaan woggama san ji'a torbeesso'oo keessa du'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.