Raajii Isaayyaasii 55 - Kitaaba Woyyuu

Waamsa Araara Rabbii

1Rabbi akkana jedha,

«Isin worri dheebottan maruu gara bisaanii koottaa'a!

worri waan bitattaniin hin qabne bitadha'aa nyaadhaa'a!

kootta'aa gatii malee aannanii fi daadhii woyini'ii bitadhaa'a.

2Nyaata bu'aa hin qabneef maaf horii keessan baaftan?

waan hin quubsinetti maaf hunna keessan fixxan?

amma seeraan na caqasa'aatii nyaata mishaa nyaadhaa'a;

nyaata filatameen uf gammachiisaa'a.

3«Gurra keessan gara kiyya qaba'aa natti dhiyaadhaa'a;

lubbu'uun jiraachu'uuf dubbii kiyya caqasaa'a;

akkuma Daawitiin jaaladhe

isinillee amanamumma'aan jaalachu'uuf

baraa haga bara baraa waadaa isinii gala.

4Ani isa banii maraafuu ragaa'a,

masakka'aa fi bulchaa taasiseera.

5Ani Rabbi woyyichi Waandhi Israa'elii waan si kabajjeef

ati banii hin beenne waamta;

baniin si hin beennellee ariifata'aa gara kee dhufan.»

6Rabbiin hennaa inni argamutti soqaa'a;

hennaa inni dhiyaate waamaa'a.

7Hammeeyyiin hammeenna ufii,

cubbamtoonnillee yaada hamaa ufii haa dhiisanii;

araarri isaa guddaa waan ta'ee fi akka inni isaanii dhiisuuf,

gara Rabbii Waaqa keennaa haa deebi'anii.

8Rabbi akkana jedha,

«yaanni kiyya akka yaada keessanii,

karaan kiyyallee akka karaa keessaniitii miti.

9Akkuma samiin ardii irraa ol fagaatu,

karaan kiyya karaa keessan irraa,

yaanni kiyyallee yaada keessan irraa guddisee fago'o.

10Akkuma roobninii fi baradaan didiqqaan sami'ii bu'ee

lafa jiisee quubsee akka daraaraa biqilchitu taasisu

nama sanyii facaasuu sanyii'i, ka waa nyaatuuf nyaata uduu hin kennine hin hafne,

11Dubbiin afaan kiyyaa bawullee akkasuma ta'a;

inni waan ani ergeef uduu hin goonee fi

ergaa kiyyallee uduu hin raawwanne gara kiyya hin deebi'u.

12Isinillee biyya Baabiloonii keessaa gammachu'uun baatanii

gara biyya keessanii nagayaan akka deebitan isin taasisa;

gaarranii fi tulloonni isin afo'otti utaala'aa faarfatan;

mukkiin raasa'aallee harka dhayan.

13Bikka qore'ee birbirsa; bikka qummuuddu'uu hadheessa'atu biqila;

kun malkata Rabbiin itti yaadatan

ka baraa haga bara baraa hin banne ta'a.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help