1Maleekkaan shaneesso'oollee xurumbaa afuufee urjii sami'ii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuuteellee hin kennameef.
2Ser. Uma. 19:28 Boolla ashuuteellee hin bane; aarrillee akka aara ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bayuun dukkanaayan.
3Ser. Ba'u. 10:12-15 Aara san keessaa Awwaannifni gara lafaa bayee akkuma buutiin lafaa baallii qaban baalliin isaanii kenname.
47:3; His. 9:4 Isaanillee namoota kallacha isaanii irra chaappaan Rabbii hin jirre callaa akka miidhan ajaje malee, waan lafa irra jiru maraa, waan lalise yookaan muka kamiinillee akka hin miine isaanitti himan.
5Isaan akka ji'a shanii callaa rakkisaniif kennameef malee akka ajjeesaniifii miti; miidhaan isaan miidhaman akka miidhaa nama buutiin idditeeti.
66:16; Iyyo. 3:21; Erm. 8:3 Ji'oota sanniin namoonni du'a soqan. Haa ta'uu ammo hin argatan, du'uu dharra'an; duuti ammo isaan dheessiti.
7 Iyyu. 2:4-5 Bifti Awwaannisaa akka faradoo lolaaf qophooftee mataa isaanii irraa gulloo worqii fakkaatu qaban; fuulli isaaniillee akka fuula namaati.
8Iyyu. 1:6 Rifeensa akka rifeensa dubarti'ii fakkaatu qaban; ilkaan isaanii akka ilkaan leencaati.
9Iyyu. 2:5 Uffata sibiila fakkaatu qaban; laagaan koola isaanii akka konkolaataa faradoo hedduu ka lolaaf yaabbataniiti.
109:19 Eegeen isaanii akka eegee buuti'iiti. Eegee isaanii irra woraanatu jira; namootallee haga ji'a shanii miidhu'uuf baallii qaban.
11Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitiinillee «Aphaliyoon» jedhama.
12Aanne'een duraa lufteerti. Kunoo asiin maayii ammallee aanne'ee lamatu dhufa.
138:3; Ser. Ba'u. 27:2; 30:1-3 Maleekkaan jaheesso'oo xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye.
1416:12 Maleekkaan xurumbaa qabu ka jaheesso'oo, «Maleekkota arfan laga guddaa Efraaxisitti hidhaman isaan hiiki!» jedheen.
158:7-12 Maleekkonni afurii namoota sadihi keessaa harka tokko akka ajjeessan sa'aatii, guyyaa, ji'aa fi wogga'aafillee worri qophaayanii turan hin hiikkaman.
16Laakkobsi loltuu farado'oollee shikita hennaa shikitaa, shikita hennaa shikitaati jedhu dhagaye.
17Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee akkasuma manaabaan arge. Uffata diimaa akka ibiddaa, gurraacha akka baddeessa'aa, boora akka bookaa fakkaatu qaban. Mataan Faradoo sanniinii akka mataa leencaati. Afaan isaanii keessaa holataan dhagaa ibiddaa baye.
18Badiin sadiin afaan isaanii ibiddaa fi aara dhagaa ibiddaatiin ajjeefame.
199:10 Baalliin farado'oo afaan isaaniitii fi eegee isaanii irra waan ta'eef eegeen isaanii bofa fakkaata. Mataallee hin qaban, sanniinillee hin miidhan.
20 16:9,11; Qor. 1ffaa 10:20; Far. 115:4-7 Balaa kanaan ka hin ajjeefamne namoonni hafan jinnii arganii yookaan dhagayanii yookaan deemuu dadhabanii worqii, birrii, waan akka sibiilaa, dhaga'aa fi muka irraallee waaqa tolfamaa hojjatamanii akka hin saganne, waan hujii harka isaaniitiifillee aagii hin galle.
21Waan ajjeesuu isaaniillee, yookaan waan asmaa isaanii, yookaan waan seebaruu isaanii, waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.