1Iyyoobillee akkana jedhe deebise,
2«Dhugamaan akka akkana ta'e ani hin beeka.
garuu namni Rabbiin afo'otti akkamitti qajeelaa ta'a?
3Namni uduu isaan wol mormuu barbaadee,
waan kumaa keessaa tokkottimallee deebisuu hin danda'u.
4Ogummaan Rabbii gad fago'o;
Inni ka baallii qabu;
hunni isaa guddisee jaba'a;
eentu Isaan mormee nagayaan jiraate?
5Uduu isaan quba hin qabaatin gaarran raasa;
lola ufiitiinillee gara isaan gaggalcha.
6Ardiillee hulee isi'iitii isii raasa;
utubaawwan isi'iillee hin sosochoosa.
7Aduu akka hin baane dhoogguu danda'a;
urjiiwwanillee akka hin ifne taasisa.
8Samiiwwan hojja ufii diriirsa;
Dambalii galaanaa irra deema.
9Urjiiwwan bineensa «Doobbaa» jedhaman fakkaatu,
Urjiiwwan «Ooriyoon» jedhaman torban;
akkasuma tuuta urjiiwwanii
ka gara kibbaatiin jiran ka Samii irra kaaye Rabbi.
10Waan gugurdaa hin qoratamne,
waan maalale'ee ka hin laakkayamnellee hin godha.
11Uduu Rabbi ladda kiyya lufee hin arguun,
uduu gara kiyya dhiyaatelle'ee adda baasee isa hin beeku.
12Uduu waan barbaade fudhatee eentu isa dhoogga?
eentu uggee ‹kana maaf goota?› jedhee isa gaafata.
13Rabbi lola ufii irraa duubatti hin deebi'u;
worri isaa gaditti Ra'aabiin gargaaranuu Isaa sagadan.
14Sirimaa isaa deebisu'uuf;
dubbii kiyyallee isa afo'otti filachu'uuf ani eennu?
15Ani uduu qulqulluu ta'ee argamelle'ee;
Waandhi murteessu akka naa dhiisu kadhadha malee
deebii isaa kennuu hin uggu.
16Maqaa isaa waamee yoma deebiillee naa kennee
iyyata kiyya naa dhagaya jedhee hin amanuun.
17Qilleensa haboonbolatti'iitiin na cabsa;
Sababaa malee madaa kiyya baay'eessa.
18Akka hafuura baafadhu na hin dhiisu;
Garuu waan hadhaayaa na quubseera.
19Hunna yoo ta'e inni hunna caalu qaba;
mormadhee gara mana murti'ii isa dhiyeessa yoo jedhe,
eentu isa naa dhiyeessa?
20Ani nama qulqullu'uu fi nama dhuga'aati;
garuu qaandhi kiyya yakkamaa na taasisa.
21Ani hagamillee yoo qulqulluu ta'e waan kiyya hin yaadu;
jireenna kiyyallee hin jibba.
22Wonti kun maruu tokko;
kanaafuu qulqullootaa fi
hammeeyyii hin balleessa jedha.
23Namni hennaa bala'aan dhayamu,
inni rakkoo nama qulqullu'uu asheessa.
24Hennaa biyyi harka hammeeyyi'iititti kennamtu,
Inni ija worra murtii kennuu hin jaamsa.
ka waan kana godhe yoo Rabbiin hin taanee
inni eennu ree?
25«Barri kiyya nama fiigu caalaa ariifata;
uduu gammachuu hin argine lufan.
26Akka markaba dhallaadduu irraa hojjatamee caalaa ariifata.
akka bajjaa waa butuutitti fiiga.
27Ani gungummii kiyya guddaa hin irraanfadha;
fuula kiyya gurraacheessuu dhiisee yoo fuula ifa jedhe;
28Akka qulqulluu na hin goone waan beekuuf,
rakkoo kiyya maraa hin sodaadha.
29Ani eega akka nama yakkama'aatitti laallame;
maaf akkanumaan dadhaba ree?
30Qaama kiyya uduu saamuna'aan dhiqadhee,
harka kiyyallee uduu guddisee qulqulleessee,
31Ati xiillaa jala na liccisiifta.
uffannummaan kiyyaa na ceem'a.
32Isa woliin gara murti'ii dhiyaannee
deebii isaa kennu'uuf;
inni akka kiyya namaa miti.
33Maal ta'a uduu abbaan murti'ii
ka nu lamaaniifuu murteessu
uduu nu jiddu'utti argamee!
34Rabbi ulee ufii na irraa haa kaasu;
gaachenni isaallee na hin sodaachisin.
35Ani akka namoonni na yaadan waan hin taaneef,
Isa uduu hin sodaatin itti dubbadha ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.