Kitaaba Iyyaasu'uu 14 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Lafa Laga Yoordaanosiitiin Gama ka Gara Dhiyaatiin Jiru Itti Qoodan

1Ijoolleen Israa'elii ta biyya Kana'aanii dhaalan gadichi Alaazarii fi ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun worra ijoollee Israa'eliitii fi bulchoota abbootaatiif qoodan kana.

2Akkuma Rabbi Muusee ajajetti gosoota salganiif cinaa lafa isaanii akkuma hixaa isaaniitiin isaanii qoodan.Ser. Lak. 26:52-56; 34:13

3Gosa lamaaniif wodhakkaa gosaatiif Muuseen laga Yoordaanosii gamatti kenneefii ture; garuu worra Leewwotaa ka isaan jidduu jiraataniif lafa hin kennine.Ser. Lak. 32:33; 34:14-15; Kes. Deb. 3:12-17

4Ijoolleen Yooseefii Minaaseenii fi Efreem gosa lama turan; worra Leewwotaatii qachoota keessa jiraatan hulee horii ufii itti bobbaafatanii achi lafa woyiituu isaanii hin kennine.

5Akkuma Rabbi Waandhi Muusee ajaje ijoolleen Israa'elii akkasumatti lafa qoodaman.

Keebroon Kaalebii Kennamte

6Ijoolleen Yihuuda'aa Gelgala'atti gara Iyyaasu'uu dhaqanii ilmi Yoofoonii Qaanezichi Kaaleeb akkana jedheen «Waan Rabbi waan kiyyaa fi kee Qaadesii Bane'eetitti nama Rabbii Muuse'etti dubbate hin beetta.Ser. Lak. 14:30

7Hennaa garbichi Rabbii Muuseen akka ani biyyattii gaaduuf Qaadesii Barne'eetitti na erge ani nama woggaa afurtamaa ture; ani hennaa san waan na keessa jiru deebiseef.Ser. Lak. 13:1-30

8Obboleewwan tiyya ta na woliin baate garuu guddisanii banii sodaachisan; ani garuu sirima Rabbii Waaqa kiyya duukaa bu'e.

9Muuseen guyyaa san, ‹Waan Rabbii kiyya sirri'itti duukaa buuteef biyyi lutti tee ejjatte, si'ii fi ijoollee teetii dhugamaan baraa haga bara baraa kennaa ta'a› » jedhee naa kakatee ture.Ser. Lak. 14:24

10Ammallee Rabbi jecha kana haga Muuse'etti dubbateen maayessa uduu worri Israa'elii lafa gammoojji'ii keessa naannayan Rabbi woggaa afurtamii shanii na jiraachise; ammallee kunoo ani nama woggaa saddeettamii shaniiti.

11Akkuma ani hennaa Muuseen na erge hunnaa qabu san adhallee hunna qaba. Akkasuma adhallee lolu'uuf bayee galu'uttillee hunni kiyya sanuma.

12Amma eegasuu akkuma Rabbi hennaa san dubbate, lafa gaaraa kana naa kenne; ati guyyaa san worri Qeenotaa gugurdaan akka qachattii dallawamte san keessatti riphaniiran dhageetteerta; maal laataa Rabbi na woliin ta'a akkuma inni natti dubbate anillee isaan ari'a.

13Iyyaasuun isa eebbisee ilma Yoofoonii Kaaleebii Keebrooniin kenneef.

14Kanaafuu waan Rabbii Waaqa Israa'elii duukaa bu'eef Keebroon haga adhaa ta Kaaleebii ilma Yoofoonii Qeeneezichaa taate.

15Maqaan Keebroonii duraan Qiriyaat'arbaaq jedhamti turte; Arbaaqiin tun namoota Eenaaqii maraa jiddu'utti jajamtuu turte; achiin maayessa biyyi lola irraa hara baafatte.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help