1Ati ta dubartoota maraa caalaa bareeddu!
jaalalloon kee garam dhaqe?
nullee akka deemnee si woliin sondhu
gara inni deeme nutti himi.
Idaayyittii2Jaalalloon kiyya tika hoolotaa bobbaasu'uu fi
abaaboo bareedu muru'uuf
gara hulee biqiltuun urgaayu argamuu bu'eera.
3Inni jaalalloo kiyya; anillee ta isaati;
abaaboo suufi'ii keessatti tika hoolotaa bobbaasa.
Idaayyicha4Jaalalloo tiyya! ati akka qachaa Teersa'aa bareedda;
akka Yerusaalemii guddiftee bareedda;
gaachenni kee akka duula hiriiree meeshaa woraanaa qabatee
wol faanaa deemuutitti
nama sodaachisa.
5Yabo'oo ijji tee waan na boojiteef na irraa buqqisi;
rifeensi mataa keetii akka tika re'iinii ka gaara Gila'aadii irraa gad hurrisaniiti.
6Ilkaan kee akka ilmoolee hoolotaa ta lakkuu dhalattuutii fi
akka hoolota hin maseennee ta
bisaaniin dhiqaniititti addaatee bareeda.
7Boqoon tee lamaanuu roomaanii baqaqe fakkaatti;
shaashii ati haguuggattu keessaan mudhatti.
8Mootonni jahaatamaa, mata galtoonni saddeettamaatii fi
babbareeddan laakkobsaa olii yoo jiraatanillee,
9Ani garuu takkattima jaaladha;
isiin ta mudaa woyiituu hin qabne
ta akka handari'ii bareedde;
isiin haadha ufiitiif tokkotti'i;
haati isii deettellee maraa caalaa isii jaalatti;
worri babbareeddanillee isii laala'aa jajaniin;
mootonninii fi mata galtoonni moototaa isii jajan.
Hiriyyoota Idaayyitti'ii10«Tun ta akka ifa bariisa'aa,
ta akka addeessaa addaattu
ta akka adu'uutitti iftu,
ta gaachenni isi'ii akka loltuu hiriiree deemuutitti
nama sodaachisu
isiin tun eennu?» jedhan.
Idaayyicha11Biqiltuu adda addaa ka dhooqa keessatti dhaabame laalu'uuf
woyiniin muteeruu fi daraaraan roomaani'iillee akka daraare laalu'uuf
gara hulee dhaaba biqiltuu meexxi'ii gad bu'e.
12Uduma ani hin beekin yaanni kiyya na butee
konkolaataa gugurdootaa ka saba kiyyaa irra na kaaye» jedhe.
Hiriyyoota Idaayyichaa13Ati intala gosa Sulaamii koottuu deebi'i;
akka midhaassinee si laallu koottuu deebi'i.
IdaayyichaIntala gosa Sulaamii maaf akka loltoonni lamaan wol lolaniititti
isii laaltan?
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.