1Hixaan lammeesso'oo akkuma gosa isaaniitiin ijoollee Simooniitii baye; lafti isaaniillee lafa ijoollee Yihuuda'aa jidduu ture;
2lafti isaanii Beersaabeeh, Seebaa, Molaadaa, Hasarshu'aal, Baalaa,
3-4Eeseem, Eeltolaad, Batuul, Heermaa,
5Sigilaag, Beetmarkaaboot, Hasarsuusaa,
6Beetalabaa'oot, Shaaruheen qachoota kudha sadihii fi gandoota fa'a.
7Ayin, Rimoon, Eteer, Ashaan, qachoota arfanii,
8haga Ba'ilaatibi'eerii fi haga raamaatiin cinaa bita'aatii haga qachoota naanno'oo maraa; lafti ijoollee Simoonii akkaataa gosa isaaniitiin kana ture.Sen. 1ffaa 2:28-33
9Lafa qooda ijoollee Yihuuda'aa keessaa lafti gariin ijoollee Simooniitii ta'e; waan hixaan ijoollee Yihuuda'aa isaanitti guddateef ijoolleen Simoonii lafa isaanii irraa argatan.
Lafa Gosa Zabilooniitii Kennan10Hixaan sadeesso'oo akkuma gosa isaaniitiin ijoollee Zaabilooniitii baye; daangaan lafa isaanii haga Saaridiiti;
11Daangaan isaanii gara dhiyaatiin haga Mara'alla'aa haga Dabaasheetii afo'oon gara laga Yooqini'aamii afoo jiruu gaya.
12Sardiimii gara baya biiftu'uu, gara baya biiftu'uutiillee gara daangaa Kisilootitaaboritti naannayee,
13gara Dabiraafiimii bayee Yaafaamiin bira gaya; daangaan sun achii ka'ee gara mirgaatiin gara Gatiheefirii fi Itaqaasiinii lufee gara Riminaanii gara Ni'a'aa baya;
14Daangaan sun gara mirgaatiin Hanaatoniin naannayee dhooqa Yiftaa'eliititti baya.
15Kunniinillee Qaxaati, Nahilaal, Shimiroon, Yidaala'aa fi Beeteliheem qachoota kudha lamaa fi gandoota.
16Lafti ijoollee Zaabiloonii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.
Lafa Gosa Yisaakooriitii Kennan17Hixaan arfeesso'oo ijoollee Yisaakooriitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye.
18Daangaan isaanii gara Iyiziraa'el, Kaasiloot, Sunaam,
19Hafraayim, Shi'oon, Anharaat,
20Rabiiti, Qisoon, Abees,
21Reemeet, Ayingaaniim, Ayinahaada'aa fi Beetipaaseesiin gaya.
22Daangaan isaanii gara Taaboorii, Shaayisuma'aa fi Beetisaamiisiin gaya. Karaan daangaa isaanii Yoordaanositti baya; lafti isaanii gandoota woliin qachoota kudha jahaa qachoota didiqqaa naannoo isaanii jiran maraa wolitti qabata.
23Lafti ijoollee Yisaakoorii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.
Lafa Gosa Aseeriitii Kennan24Hixaan shaneesso'oo ijoollee Aseeriitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye;
25daangaan isaanii Heelqaat, Haali'ii, Beexeen, Aziif,
26Alameleek, Ama'aadii fi Misha'aaliin ture; gara dhiyaatiin haga Qarmeloosii fi Shihoorlibinaatii gaye.
27Gara baya biiftu'uutiin gara Beetidaagonii naannaya; Zaabiloonillee dhooqa Yiftaahi'eelii, gara mirgaatiin Beeti'emeqinaa'a gara Ni'i'eeliimii gaya. Gara mirgaatiin Kaabulitti ol baye.
28Achii gara Eebroonii, Ra'aab, Amoon, Qaana'aa haga Siidonaa guddichaa gaye.
29Daangaan isaallee gara Raama'aa gara qachattii dallawamtee haga Xiroosii daangaan isi'ii achii ka'ee haga Hosa'aa naannaya; baati isaanii gara Akiziibiitiin haga galaana Meditiraaniyaaniiti.
30Akkasuma gara Uumaa, Efeeqiitii fi Ra'aabiiti; lafti isaanii qachoota diddamii lamaa fi gandoota;
31Kanaafuu lafti ijoollee Aseerii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.
Lafa Gosa Niftaalemiitii Kennan32Hixaan jaheesso'oo ijoollee Niftaalemiitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye.
33Daangaan isaanii Heleef, muka Isa'inaanimii, Adaamneeqeeb, Yabini'eelii haga Laqumii gaya; baati isaallee gara laga Yoordaanosiitiin.
34Daangaan isaa gara dhiyaatiin Aznootitaabooriin naannaya; achiillee ka'ee gara Huqooqii baya; gara bita'aatiin garuu gara Zaabiloonii, gara dhiyaatiin Aseer, gara Yoordaanosii baya biiftu'uutiin garuu haga lafa Yihuuda'aa gaya.
35Qachoonni dallawaman kanniin Sidiim, Seer, Hamaat, Raqaat, Kenereet,
36Adaamaa, Raamaa, Asoor,
37-38Qaadees, Edraayi, Ayinasoor, Yiri'oon, Migdaali'eel, Hooreem, Beetinaatii fi Beetisaamis. Lafti isaanii qachoota kudha sagalii fi gandoota.
39Kanaafuu lafti ijoollee Niftaalemii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.
Lafa Gosa Daaniitii Kennan40Hixaan torbeesso'oo ijoollee Daaniitii akkuma gosa isaaniitiin isaanii baye;
41Daangaan lafa isaanii kana; Soor'aa, Eshtaa'ol, Irshemeesh,
42-43Sha'ilaabiin, Eeloon, Yitilaa, Ayyaaloon, Taaminaa, Aqaaroon,
44Iltaqee, Gabaatoon, Baa'ilaat,
45-46Yihuud, Bineebraaq, Gaatrimoon, Meeyaariqoon, Raqoonii Daangaa Iyyoophee afoo jiruu,
47Garuu ijoollee Daanii lafti waan itti dhiphatteef ijoollee Leeshemiitiin lolanii lafa isaanii irraa fudhatanii irra jiraatan. Maqaa lafa sanii maqaa abbaa ufii Daaniin itti baasan.Abbo. Mur. 18:27-29
48Kanaafuu lafti ijoollee Daanii akkuma gosa isaaniitiin qachootaa fi gandoota kanniin.
Lafa Dhumaa Ka Iyyaasu'uu Kennan49Ijoolleen Israa'elii lafa maraa haga daangaa itti baasanii qoqqoodaniin maayessa uf keessatti ilma Nawwe'ee Iyyaasu'uuf,
50lafa gaaraa ta biyya Efreemii ta Minaaseeraa jedhamtu qachaa inni fedhu akkuma ajaja Rabbiitiin kennaniif; innillee qachaa ijaaratee achi keessa taa'e.
51Lafti ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun, gadichi Alaazar, gofti ijoollee Israa'eliitii fi bulchoonni abbootaa Rabbiin afo'otti Seelo'otti daasee wol gayi'ii keessatti qoodamanii fixan kana.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.