Gara Worra Tasolonqe'ee 1ffaa 1 - Kitaaba Woyyuu

1 Hu. Er. 15:40; 17:1,10; Tas. 2ffaa 1:1 Phaawuloos, Silwaanosii fi Ximootewoosiin biraa;

Woldaa Kiristaanaa, ta Rabbi Abba'aatii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii taate, worra Tasolonqee keessa jiraataniif, Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u.

Jireennaa Fi Amantaa Worra Tasolonqe'ee

2-3 Tas. 2ffaa 1:3,11 Hennaa Rabbiin kadhannu waan keessan yoo yaannu hujii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii, abdii Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin waan jabaattaniif Abbaa keennaa fi Waaqa keenna afo'otti yaada'aa uduu addaan hin kunne hennaa maraa Rabbii keenna sababa keessan maraatiif hin galatoonfanna.

4Tas. 2ffaa 2:13 Obboleeyyan tiyya, akka Rabbiin jaalatamtanii fi filatamtan waan beenneef.

52:13; Qor. 1ffaa 2:4-5 Dubbiin Nagayaa ka isinii lallabne hunnaa fi Ayyaana Woyyu'uun hubannaa hedduun malee, dubbii calla'aan gara keessan waan hin dhufneef isin biratti waan keessaniif attamitti akka jiraanne hin beettan.

6Hu. Er. 17:5-9; Qor. 1ffaa 11:1; Tas. 2ffaa 3:7,9 Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uu fi Gooftaa fakkaatu taataniirtan.

74:10; Phex. 1ffaa 5:3 Kanaafuu amantoota Maqedooniya'aa fi Akaayiyyaa jiran maraafuu fakkeenna isaanii taataniirtan.

8Rom. 1:8 Dubbiin Rabbii isin biraa bayee Maqedooniya'aa fi Akaayiyyaa calla'atti waan hin dhagayamneef, haga womaa dubbachuu hin barbaachifnetti, amantiin isin Rabbiin irratti qabdan hulee marattuu odeeffameera.

9Rom. 5:9; Gal. 4:8 Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan,

10Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqolee tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help