Kitaaba Naahimiya'aa 3 - Kitaaba Woyyuu

Yerusaalem Deebitee Ijaaramte

1Gadichi guddaan Eeliyaaseeb, obboleewwan isaa gadoonnillee ka'anii dallawa «Balbala hoolotaa» jedhamu ijaaranii qulqulleessan. Balballanillee itti galchan; dallawallee haga ijaarsa «Marsaa dhibba» jedhamee waamamuu fi haga ijaarsa «Hanaani'eel» jedhamuutitti Rabbii woyyoomsan.

2Namoonni Iyyaariko'oollee ladda sanitti ijaaratan. Isaan laddattillee Zakuur ilma Amiriititu ijaare.

3Ijoolleen Haasina'aallee balbala dallawa qurxummi'ii jedhamu ijaaranii utubaawwan dhaabanii cufanaallee itti godhan, balballanittillee loosa'aa fi furtuu godhan.

4Isaan laddatti Meerimootii ilma Ooriyoo Aqoosiititu ijaare. Isa laddatti Meesulaamii ilma Baraakiyaa Mesezebeeliititu ijaare. Isaan laddattillee Saadooqii ilma Ba'aana'aatitu ijaare.

5Isaan laddatti worra gosa Teequhaawotaatitu ijaare; gugurdoonni isaan bulchan garuu gara'aan hojjachuu didan.

6Yoodaaheen ilmi Faaseha'aatii fi ilmi Meesulaamii Basoodiyaan garuu balbala moofe haarawoomsan; utubaawwan dhaabanii balballan itti galchanii loosa'aa fi furtuu itti godhan.

7Ladda isaaniititti Malxiyaa gosa Gabaa'oonii, Yaadoonii biyya Meeroonoota'aa, namoota Mitsipha'aatii fi namoota Gabaa'oonii ka worra biyya laga Efraaxisii gama jiran bulchantu ijaare.

8Ladda isaaniititti Uuzi'eelii ilma Harihaya'aa ka worqii bassutu ijaare. Ladda isaatitti Hannaaniyaa urgooftuu wolitti qabutu ijaaree haga dallawa badha'aatitti Yerusaalemiin jajjabeessan.

9Ladda isaaniititti Raaffaayaa ilma Hoorii ka wodhakkaa biyya Yerusaalemii bulchutu ijaare.

10Ladda isaaniitittillee Yiddaayaa ilma Eermaafii ka kolba mana isaatiin jirutu ijaare, ladda isaatitti Haxuusii ilma Asaabaaniya'aatitu ijaare.

11Malkiyaan ilmi Kaarimii, Asuub ilmi Mo'aabii nama Fahaatii kutaa biraatii fi hulee ibiddaa ijaaran.

12Isaan laddattillee Shaaluumii ilma Alo'eesii ka biyya Yerusaalemii wodhakka'aa fi ganda isi'ii bulchutu ijaare; ijoolleen isaa ta durbaallee hujii isa gargaara'aa turte.

13Hanoonii fi namoonni Zaanowa'aallee balbala dhooqaa ijaaranii haarawoomsan. Balbalallee itti godhanii sibiila loosa'aatii fi furtuu itti tolchan; akkasuma haga hulee balbala waan badaa itti gataniititti dallawa ciqilee kuma tokkoo ijaaran.

14Malkiyaan ilmi Reekaabii bulchaan biyya Beetihakaarimii balbala waan badaa itti gatan ijaaree haarawoomse. Cufanaallee itti godhee loosa'aa fi furtuu itti tolche.

15Shaaluum ilmi Kolhooze'ee bulchaan biyya Mitsipha'aa balbala burqa'aa ijaaree haarawoomsee cufe; Cufanaallee itti ijaaree loosa'aa fi furtuu itti tolchee haga hulee qachaa Daawitii ta biqiltoonni mootichaa jirtuu dallawa Sheela'aa ka bisaan itti kuufamu ijaare.

16Isaan maayessa Nahimiyaa ilma Azibuuqii ka cinaa biyya Betitsuurii bulchu hulee awwaala Daawitii laddaan jirtu ta hulee bisaan daakaniitii jalqabee haga mana worri jajjabaan keessa jiraatuu deebisee ijaare.

Worra Leewwotaa Ka Ijaarsa Dallawaa Irratti Hirmaatan

17Isaan maayessa worra Leewwotaatii fi ilma Baanii Reehum fa'atu ijaare. Isaan laddatti Hashabiyaa wodhakkaa Qi'iilaa maraa bulchutu ijaare.

18Isaan maayessa Bawaayii ilma Eenihaadaadii ka wodhakkaa biyya Qi'iila'aa bulchuu fi obboleewwan isaatitu ijaare.

19Ladda isaatittillee Esirii ilma Iyyaasu'uu bulchaan Mitsipha'aa mana meeshaan woraanaa keessa jiru biraan kutaa biraa ijaare.

20Isaan maayessa Baarook ilmi Zaabaayii roga tokko irraa jalqabee haga mana gadichi guddaan Eliyaaseeb galuutitti jabaatee ijaare.

21Isaan maayessa Meerimoot ilmi Ooriyoo Aqoosii balbala mana Eliyaaseebiitii jalqabee haga dhuma mana Eliyaaseebiititti kutaa biraa ijaare.

Gadoota Hujii Dallawaa Irratti Hirmaatan

22Isaan maayessa gadoota lafa gammoojji'ii keessa jiraatantu ijaare.

23Isaaniin maayessa Biiniyaamii fi Asuub ka kolba mana isaaniitiin jiru ijaaran. Isaaniin maayessa Azaariyaasii ilma Maseeyaa Hannaaniya'aatitu kolba mana isaa biraan jiru deebisee ijaare.

24Isaan maayessa Biiniwi ilmi Eenihaadaadii mana Azaariyaasiitii jalqabee haga roga dallawaa deebisee ijaare.

25Falaal ilmi Uuzaayii hulee itti gad bayan ka worri balbala eegan dhaabatanii eegan ka ijaarsa mana mootichaa gubba'aan ol baye ijaare; isaan maayessa Faddaayaa ilma Faanoosiititu ijaare.

26Hojjattoonni mana Woyyu'uu ijaarsa balbala bisaanii ka Oofeliin bira jiru ka kolba gara baya biiftu'uutiin dhaabateeru bira jiraatan.

Hojjattoota Biraa Ka Hujii Irratti Hirmaatan

27Isaan maayessa worri Tequhootaa Yaa'anii kolba ijaarsa gudda'aatii jalqabee haga ijaarsa dallawa Oofelii ka jiru maraa ijaaran.

28Worri gadootaa kuuwwan maruu karaa kolba mana isaan keessa jiraataniin balbala Fardaa gubbaa jiru ijaaran.

29Achiin maayessa Saadooq ilmi Imeerii kolba mana ufiitiin ijaare. Isatti aansee Shamayaa ilma Sekeniya'aa ka balbala gara baya biiftu'uu eegutu ijaare.

30Isatti aansee Hannaaniyaa ilma Saaleemiya'aatii fi Hanoonii ilma Seleefii ka jaheesso'ootitu waan biraa ka hafe ijaare. Isaanitti aansee maayessa kolba gara golgaatiin Meesulaamii ilma Baraakiya'aatitu ijaare.

31Isaan maayessa Malkiyaa worra worqii bassu keessa turetu tajaajiltoota mana woyyu'uutii fi worri daldaltootaa itti fayyadamanii ijaare.

32Kolba roga balbala bayaniitii jalqabee haga balbala hoolotaa worra worqii bassuu fi worra daldaltootaatitu ijaare.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help