1Solomoon mana mootummaa ufii woggaa kudha sadihitti ijaaree fixe.
2Galmi mana, «Muka Libaanosii» jedhamee waamamu ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaa; badhinni ciqilee shantamaa, hojjaa isaallee ciqilee soddoma godhe; munni birbirsaa utubaa roga sadihiin hojjatame irra dhaabatee ture; utubaa irra muka birbirsaatitu konkolaataa fardaa irra dalga taa'ee ture;
3Munni dalgaa ka utubaa irra jiru ka cufanaa birbirsaatiin uwwifamee ture; utubaan gama tokkoon ciqilee kudha shan, gama tokkoon ciqilee kudha shan tartiibaan ta'ee afurtamii shanii ijaaramee ture.
4Foddaan tartiiba sadihiin jira; foddaawwan kunniin wol laalan.
5Balballinii fi foddaan maruu qasatoo roga afurii qaba; foddaan gara sadiiniituu wol laala.
6«Mana utubaa baay'ee qabu ka ciqilee shantama, badhinni ciqilee soddomaa galma afoo madabii irra dhaabatan ka utubaa qabu hojjate.
7Solomoon dhaddacha murti'ii ka jala taa'ee murtii kennu lafaa haga ginno'oo muka birbirsaatiin ijaare.
8Galma dhaddacha murti'ii duubaan raasaa jirutti gamoo ufii keessa jiraatu akkuma gamoo kaawwaniititti hujjisiise; haadha manaa ufii mucattii mooticha biyya Misirii ta Fari'ooniitiifillee manuma kana fakkaatu ijaareef.
9Gamoo kanniin maraa bu'uura irraa jalqabee haga bakka itti dhumatuu duraa duubaan dhagaa bocamee bareedeen ijaarame. Diidaanillee haga hulee itti bayanii akkasuma ture.
10Bu'uurri manaa ka hojjatameen dhagaa hulee dhagaa itti baqassanitti qophaaye dhagaa gugurda'aan ijaarame; dheerinni dhagaa bocamee ka tokkochaa ciqilee kudhan yookaan ciqilee saddeetiin dhagaa misha'aa fi gugurda'aan ijaaramee ture.
11Dhagaa gugurdaa kanniin irra dhagaa bocamee wol qixxaayee fi cufanaa muka birbirsaatiin ijaarame.
12Balbalti gara gad itti bayanii, ka mana mootumma'aa hulee itti bayan ka mana woyyu'uu ka keessaatii fi balballi gara mana woyyuu seenaniin dhagaa korto'oo tartiiba sadihii dhagaa bocameen hojjatamee ture.
Hujii Kiraam Hojjatu13Mootichi Solomoon Kiraamitti nama ergee qachaa Xiroosiitii waamsise;
14inni ilma intala gosa Niftaalemii abbaa manaa hin qabneeti; abbaan isaa nama qachaa Xiroosii ka sibiila bassu; akka hujii sibiilaa hojjatuuf ogumma'aa fi mala qaba; akkuma Solomoon waameen dhufee hujii sibiila diima'aa maraa hojjate.
Utubaa Lamaan Sibiila Irraa Hojjatame(Sen. 2ffaa 3:15-17)15Kiraam utubaa lamaa sibiila diimaa irraa hojjate; hojjaan utubaa tokkoo ciqilee kudha saddeeti; furdinni isaa ciqilee kudha lama; badhinni isaa taakkuu afur; utubaan lammeesso'oollee akkasuma ture.
16Ginnoo utubaa sanniinitti godhan sibiila diimaa irraa; hojjaan ginnoo tokkoo ciqilee shan hojjaan ginnoo lammeesso'oollee ciqilee shan.
17Ginnoo utubaa irra jiran bareechisu'uuf tartiiba lamaan gingilchaa itti hojjate; gingilchaa tokko ginnoo tokkoof, gingilchaa lammeesso'oo ginnoo lammeesso'ootiif hojjate.
18Ginnoo hojjatame lamaan bareechisu'uuf abaaboo Roomaani'ii gara lamaan itti hojjate; ginnoo maraafuu akkasuma godhe; naannaya ginnoo tokkoo abaaboo Roomaanii dhibba lamatu jira; ginnoo maraatuu akkasuma godhe.
19Ginnoon utuba'aa ka balbala itti bayanii waan akka abaaboo suufii fakkaatuu haga ciqilee kudha afurii irratti kaase.
20Ginnoo utubaa lamaanii irratti gingilchaa jalatti abaaboo Roomani'ii hojjate.
21Utubaa lamaanuu balbala mana woyyu'uu afoo dhaabee, utubaa gara kibbaatiin, «Yaakiin» jedhee maqaa itti baase; utubaa gara kaabaa dhaabellee «Bo'eez» jedhee maqaa itti moggaase.
22Mataa utuba'aa irra ginnoo abaaboo suufi'iitiin hojjatamee ijaaramee dhumate.
Gongaa Sibiila Irraa Hojjatame(Sen. 2ffaa 4:2-5)23Kiraam gongaa korbobbo'oo ka hojjaan isaa ciqilee shanii qacce'ee haga qacce'ee ciqilee kudhanii fi naannaya isaa ciqilee soddomaa ijaare.
24Afaan gonga'aa duuba irraan wol fakkaataa ta'ee roga buqqe'ee ka sibiila diimaa irraa hojjatame; inni roga tartiiba lamaan kakkaayame qaba.
25Gongaan sun fakii sangoota kudha lamaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame irra taa'eera; isaan keessaa sadiin gara kaabaa, sadiin gara dhiyaa, sadiin gara kibbaa, sadiin garuu gara baya biiftu'uu laala; gongaan kunniin fakii sangoota kanniiniititu irra jira; duddi garuu gara keessaa aana.
26Furdinni ladda gonga'aa taakkuu tokko; badhinni afaan isaa abaaboo suufii fakkaatuun hojjatame; gongaan kun bisaan haga liitirii kuma afurtamaa qabata.
Meeshaa Sibiila Irraa Hojjatame Ka Meeshaan Keessa Taa'u27Kiraam teessoo kudhanii ka dheerinni teessoo tokkoo ciqilee afurii, dalgi ciqilee afurii fi hojjaan isaa ka ciqilee sadihii sibiila irraa hojjate.
28Sibiila badhaa midhaassanii jidduu kaayan.
29Sibiila boca gara garaatiin hojjatame ka ginnoo manaa jala galu fakii leencaa, ka sangootaatii fi ka Kiruubeeliititu jira; fakii Leencotaatii fi sangootaa jala fakii abaaboo ka dhaddoo wolitti dhayame fakkaatutu jira.
30Teessoo isaa irra waan lafa irra konkolaatu afur qaban; kunniin waan isa lafa irra gangalachiisu qaba; akkasuma roga arfaniinuu waan gabatee irratti dhiqatan irkisutu jira; ka irkisu sunillee akka bifa abaaboo tuuchamee hidhameetitti bareechifameera.
31Mormi gongaa harka irratti dhiqatanii dheerinni isaa ciqilee tokko; mormi isaa akka korbobbo'ooti; hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'a; morma isaa irra waan qiinxamee bareede qaba; gongaan irra taa'u roga afur qaba malee korbobbo'oo miti.
32Korbobboon lafa irra gangalatu arfanuu waan meeshaa irra kaayan jala jira; sibiilli korbobboo san akka gangalatu godhu teessoo hojjatameen wol fakkeeffamee ka hojjatame; hojjaan korbobboo gangalatuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.
33Karrisaanillee karrisaa gaarii fardaa fakkaata; wonti isaan wolitti qabsiifameerullee ka sibiila baffame irraa hojjatame.
34Teessoo maraa irrattuu roga arfaniinuu waan itti irkatan afur qaba; wonti itti irkatan sunillee wolitti maxxanfamee hojjatameera.
35Teessoo sanniin irra waan korbobboo fakkaatu ka haga taakkuu tokkootitu jira; teessoon sunillee waan qabatanii fi itti irkatan qaba.
36Hulee teesso'oo ka harkaan qabatanii fi qaccee isaa irra leencota, Kiruubeelii fi muka meexxi'ii irratti kaasee naannoo isaatitti abaaboo wolitti hidhame itti godhe.
37Teessoo kudhanii ka biftinii fi ka hanni isaa wol qixxaayu hojjate.
38Kiraam waan meeshaa irra kaayan kudhanii fi gongaa itti dhiqatan hojjate wodhakkaa naannaya gonga'aa ciqilee afur; bisaan liitirii dhibba saddeetii qabata.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.