Kitaaba Naahimiya'aa 12 - Kitaaba Woyyuu

Maqaa Gadootaatii fi Leewwotaa

1Gadoonninii fi Leewwonni Zarubaabelii ilma Salaatiyaaliitii fi Iyyaasuu woliin bayan kanniin.

2Sarraayaa, Ermiyaas, Izraa,

3Amaariyaa, Maluuk, Haxuus,

Sekeniyaa, Rehuum, Meeriimoot,

4-5Adoo, Geentoon, Abiyaa, Miyaamiin,

6Ma'aadiyaa, Biilgaa, Shamaayaa,

7Yoyaariib, Yooda'ee, Saaluu,

Amooq, Keeliqiyaasii fi Yoodaa'e'e.

Kunniin bara Iyyaasuu gadicha gudda'aa bulchoota gadootaatii fi bulchoota obboleewwan gadootaa turan.

8Leewwonnillee Iyyaasuu, Biiniwii, Qadmi'eel, Sarraabiyaa, Yihuuda'aa fi Mattaaniyaa obboleewwan isaanii woliin bulchaa faarfattootaa turan.

9Obboleewwan isaanii Baqibuqii fi Uuni isaan jalaa qaba'aa faarfata'aa turan.

Fiixaa Iyyaasuu Gadicha Gudda'aa

10Iyyaasuun Iyyoo'aaqimiin uumate, Iyyoo'aaqim Eliyaaseebiin uumate, Eliyaaseeb Yoo'aadaa uumate,

11Yoo'aadaan Yoonaataa uumate, Yoonaataan Yaadu'aa uumate.

Bulchoota Gosa Gadootaa

12Bara mootii Yoo'aaqiimii bulchoonni hortee manniin abboota isaanii gadoota kanniin; Sarraayaa keessaa Mirraayaa,

13Worra Ermiyaasii keessaa Hannaaniyaa, worra Izra'aa keessaa Meesulaam,

14Worra Amaariya'aa keessaa Yihohanaan, gosa Maluukii keessaa Yoonaataan,

15worra Sabaaniya'aa keessaa Yooseef. Worra Kaariimii keessaa Aadina'a. Worra Marrayootii keessaa Heelqayi.

16Worra Aado'oo keessaa Zakkaariyaas. Worra Geebtoonii keessaa Meesulaam.

17Worra Abiya'aa keessaa Zikkir. Worra Miyaaminii keessaa Mo'aadiyaa,

18Falixaayi, worra Biilga'aa keessaa Saamuus, worra Shaamaya'aa keessaa Yoonaataan,

19worra Yooyaariibii keessaa Matinaayi; gosa Yoodaa'e'ee keessaa Oozi,

20worra Saalaayii keessaa Qaalaayi, worra Aamooqii keessaa Eebeer.

21Worra Kelqiyaasii keessaa Hashaabiya'a, worra Yoodaa'e'ee keessaa Naatinaa'el.

Galmee Maqaa Maatii Gadootaatii fi Maatii Leewwotaa Ibsu

22Bara gadoonni Eeliyaaseeb, Yoo'aadaa, Yohaana'aa fi Yaadu'aan fa'a jiraatan galmeen maatii gadootaatii fi ka worra Leewwotaa qophaayee ture. Gadoonni isaanii bara mootii Daariyoosii nama gosa Faarisii galmeeffaman.

23Bulchoonni manniin abboota ijoollee Leewwotaa haga bara Yohaanaa ilma Eliyaaseebiititti kitaaba seena'aa keessatti barreeffameera.

Akkaataa Mana Qulqulluu Keessatti Tajaajila Wolii Qoodan

24Bulchoonni worra Leewwotaa Hashabiyaa, Sarraabiya'aa fi ilmi Qadimi'eelii Iyyaasuun akka ajaja Daawitii nama Rabbiititti obboleewwan isaanii afo'otti ulfeeffata'aa, galatoonfata'aanii turan.

25Mataaniyaa, Baqbuqiyaa, Abdiyyuu, Mesulaam, Xeelmoonii fi Aquub worra meeshaa balbala bira jiru eegu turan.

26Namoonni kunniin bara Yo'aaqiimii ilma Iyyaasuu ilma Iyyooseedeeqii, bulchaan isaanii Nahimiyaa, bara gadicha Izraa seera barreessuullee hin jiran turan.

Ayyaana Eebba Ijaarsa Qachaa Yerusaalemii

27Hennaa ijaarsa Yerusaalemii eebbisan, haala eebbaa galataa fi gammachu'uun faarfata'aa sibiila shaka shaka jedhuun, meeshaa sagalee kennuun, Masiinqo'oonillee akka ayyaanteeffatan worra Leewwotaa hulee isaan jiran maraa soqan.

28-29Worri faarfatu naannoo Yerusaalemiititti waan gandoota ijaaratanii turaniif ijoolleen faarfattootaa naannoo Yerusaalemiitii fi gandoota worra Naxoofotaa keessaa, Beetgelgelaa, Geeba'aa fi maasaa Azimootiititti wol gayan.

30Gadoonninii fi Leewwonni uf woyyoomsan; achiin maayessa banii, balballanii fi ijaarsallee hin woyyoomsan.

31Ani Nahimiyaan bulchoota biyya Yihuuda'aa dallawa irra isaan baase, worra galatoonfatanillee garee lamaan gugurda'aan isaan dhaabsisee, gareen tokko dallawa gara bita'aatiin gara hulee balbala kosiin itti gatamuu dhaqan.

32Isaaniin maayii Hooshaayaa, cinaan bulchoota Yihuuda'aa,

33Azaariyaas, Izraa, Mesulaam,

34Yihuudaa, Biiniyaam, Shamaaya'aa fi Ermiyaasillee

35xurumbaa qabatanii, ijoolleen gadootaallee heddu isaanii ilmi Asaafii, ilmi Zakkuurii, ilmi Mikkaaya'aa, ilmi Mataaniya'aa, ilmi Shamaaya'aa, ilmi Yoonaataanii Zakkaariyaas,

36Obboleewwan isaallee Shamaayaa, Eziri'eel, Miilaalaayi, Giilaalaayi, Ma'aayi, Naatinaa'el, Yihuudaanii fi Aanaan meeshaa faaru'uu ka Daawitii nama Rabbii qabatanii deeman; Izraan seera barreessullee isaan afo'otti deema'aa ture.

37Akkuma balbala burqaa bisaanii bira gayaniin dallawuma biraan gara qachaa Daawitii qajeelanii kortoo irra bayanii mana mootumma'aa ka Daawitii bira lufanii dallawa qachattii sanii ka gara baya biiftu'uutiin jiruun deeman.

38Hiriirri worra galatoonfatuu ka lammeesso'oo gara cinaa bita'aatiin deeme. Anii fi baniin cinaan isaan duuba turre; dallawa hulee ibiddaa ka gara gubba'aatii jalqabee haga dallawa badha'aa, balbala Efreemii gubba'aan,

39karaa balbala moofa'aatiin, gara balbala qurxummi'iitiin, ijaarsa Hanaani'eeliitiin, ijaarsa Hame'a'aatiin haga balbala hoolotaa deemanii balbala worra karra eeguu bira dhaabatan.

40Akkasuma gareen worra galatoonfatuu lamaanuu mana Rabbii keessa dhaabatan. Anii fi cinaan worra bulchootaa,

41gadoota keessaallee Eelyaaqeem, Ma'iseeyaa, Miiniyaamiin, Miikkaa, Eeliyoo'eenaayi, Zakkaariyaas, Hannaaniyaa xurumbaa qabatanii,

42Ma'iseeyaa, Shaamayaa, Alaazar, Oozi, Yihohanaan, Malkiyaa, Eelaamii fi Eetsiriin woliin dhaabanne; faarfattoonni laagaa gudda'aan faarfatan; masakkaan isaaniillee Yiziraahiyaa ture.

43Waan Rabbi guddisee isaan gammachiiseef guyyaa san ciincaa guddaa dhiyeessan, guddisanii gammadan. Dubartoonni isaaniitii fi ijoolleen isaaniillee guddisanii gammadan. Wony'i gammachuu Israa'elii fago'otti dhagayama.

Waan Tajaajila Meeshaa Mana Qulqullu'uutiif Godhan

44Baniin Yihuuda'aa tajaajiltoota ufii gadootaa fi Leewwotatti waan guddisanii gammadaniif, gadootaa fi Leewwotaaf gayee isaanii isaaniif akka qopheessaniif, akka seeraatitti qachoota keessaa daraaraa lafa qonnaa akka isaaniif wolitti qabaniif, kennaa ciinca'aa ka dhiyaatuu fi kennaa hangafaa, kudhan keessaa tokko irratti, manniin meeshaa keessa kaayan maraa irrattuu namoota muudan.

45Isaan, worri faarfattootaatii fi worri balbala eegan seera Waaqa isaaniitii fi seera woyyoomuu isaanii akkuma Daawitiitii fi akkuma ilma isaa Solomooniititti eegan. Sen. 1ffaa 25:1-8; 26:12

46Bara durii bara mootii Daawitiitii fi mootii Asaafii bulchoota faarfattootaa ka Rabbiin laagaa ufiitiin galatoonfatanii fi ulfeeffatantu jira.

47Worri Israa'elii maruu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiya'aa gayee worra faarfatuutii fi ka worra balbala eeguu guyyama guyya'aan isaanii kenna'aa turan. Waan woyyoome worra Leewwotaatii kennan. Worri Leewwotaallee waan argatan ka woyyoome san irraa fiixaa Aarooniitii kennan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help