Mudhata Yohaannisii 15 - Kitaaba Woyyuu

Maleekkota Rabbii Torbaa Fi Balaa Torba

1 16:1 Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan.

2 4:6 Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkobsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii waaqeffata'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.

3 Ser. Ba'u. 15:1; Kes. Deb. 32:4; Far. 111:2; 145:17 «Waaqa Gooftaa maraa dandeettu,

hujiin kee gudda'aa fi maalale'e;

mootii worra Yihuudii hin taanee,

karaan kee qajeela'aa fi ka dhuga'aati;

4Gooftaa! ka si hin sodaanne;

ka maqaa kee hin kabajjine eennu?

waan ati callaan woyyuu taateef

hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef,

worri Yihuudii hin taane maruu dhufanii,

afoo keetitti sagadan» jedha'aa

faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.

5 11:19; Ser. Ba'u. 38:21 Kanaan maayii daaseen raga'aa woyyuun ka sami'ii hin baname,

61:13 Maleekkonni torbaa ka balaa torbaa harkaa qaban mana woyyu'uutii bayanii, uffata fuuttaa irraa hojjataman uffata mishaa qandhafaa uffatan; qaama isaanii ka sabbata worqi'iitiin hidhatan arge.

74:6-8; 14:10 Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka dheekkamsa Rabbiitiin guuttame Maleekkota torbatti kenne.

8Ser. Ba'u. 40:34; Mot. 1ffaa 8:10-11; Sen. 2ffaa 5:13-14; Isa. 6:4 Ulfinni Rabbiitii fi aarri hunna isaa mana woyyuu guute. Balaan torbaa ka Maleekkota torbaa haga raawwatamuuf eennullee gara mana woyyuu seenuu hin dandeenne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help