1Yaa Rabbi! gurra kee gara kiyya qabi;
naa dhagayi;
ani hiyyeessaa fi rakkataa waan ta'eef.
2Ani nama siif fooyame waan ta'eef
lubbuu tiyya eegi;
ati Waaqa kiyya
garbicha kee ka si abdate oolchi.
3Yaa Gooftaa! garaa naa laafi;
guyyaa guutuu waan gara kee iyyuuf.
4Lubbuu garbicha keetii gammachiisi;
yaa Gooftaa'a! lubbuu tiyya waan
gara kee kaasuuf.
5Yaa Gooftaa'a! ati arja'aa fi ka namaa dhiiftu;
worra si waamu maraafuu jaalalli kee
daangaa hin qabu.
6Yaa Rabbi! faatee kiyya caqasi;
iyya kadhaa kiyyaa naa dhagayi.
7Ati waan naa deebiftuuf;
guyyaa rakkadhe si waamadha.
8Gooftaa'a! Waaqolee keessaa
ka akka keetii hin jiru;
hujiin hujii keetiin wol qixxaayu hin jiru.
9Gooftaa'a! baniin ati uumte maruu;
dhufanii si afo'otti sagadan;
maqaa keetiifillee ulfinna kennan.
10Ati waan guddaa taateef maalalee hojjatta;
Ati ufumatti Waaqa.
11Yaa Rabbi! karaa kee na barsiisi;
dhugaa keetiin deemaa;
akka maqaa kee sodaadhu
onnee hin qoqqoodamne naa kenni.
12Gooftaa'a! Waaqa kiyya!
onnema kiyya guutu'uun
si galatoonfadha;
maqaa keellee baraa haga bara baraa kabajja.
13Jaalalli ati natti mudhifte waan guddoo taateef;
lubbuu tiyya gad fageenna asaabaa keessaa baafte.
14Waandhana! worri uf tuulu natti ka'aniiran;
gumiin worra dhiba'aa lubbuu tiyya barbaadan;
sillee womattuu hin laakkofne.
15Gooftaa'a! ati ammo Waaqa araaraatii fi gara laafessa;
ka dheekkamsatti hin jarjarre;
ka jaalallinii fi amanamummaan kee baay'ate.
16Gara kiyya laali; garaa naa laafi;
hunna kee garbicha keetii kenni;
mucaa garbittii teetii oolchi.
17Worri na jibban arganii akka mullan;
malkata mishooma keetii natti mudhisi;
Yaa Rabbi; ati na gargaarteerta;
na jajjabeessiteertalle'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.