1Dubbii waan Damaasqo'ootiif dubbatame;
«Ammaa achi Damaasqoon qachaa ta'uun isi'ii
hin hafa;
tuulaa diiggame taati.
2Qachoonni Aro'eerii duwwaa ta'an;
hulee hoolonni itti bobbaatu ta'an;
ka isaan sodaachisu hin jiru.
3Ijaarsi qachaa Efreemii;
baalliin moototaa Damaasqoo irraa bu'a;
hafteen Sooriya'aa
akka ulfinna Israa'elii ta'a.»
jedha Rabbi Gooftaan banii maraa.
4«Bara san ulfinni Yaaqoobii hin dhumata;
furdinni nafa isaa hin quura.
5Akkuma ka haamu midhaan dhaabatu wolitti qabee;
qaranaa harkaan haamu;
kunillee akkuma qarmii
dhooqa Raffaayimiitii guuranii ta'a.
6Ta'ullee akkuma ejersi yoo dhayan
daraaraan lamaa yookaan sadihii;
qaccee haafaa irratti akkuma hafu;
daraaraan afurii yookaan shanii
damee haafa qabuu irratti akkuma hafu;
akkasuma qarmiin diqqoon Israa'elii hafa.»
jedha Rabbi Waandhi Israa'elii.
7Gaafas namoonni gara uumaa ufii laalan;
ijji isaaniillee gara woyyicha Israa'elii deebi'a.
8Gara meeshaawwan harka ufiitiin hojjatanii hin laalan;
gara hulee ciinca'aa ka harka ufiitiin hojjatanii
ka hixaana itti dhiyeessan;
utubaawwan waaqeffanna'aa ka asheera'aatii;
ulfinna hin kennan.
9Hennaa san akkuma qachoonni worra Amoorotaatii fi qachoonni worra Eewwotaa worra Israa'elii afo'oo diiggaman, qachoonni teellee diiggamanii duwwaa ta'an.
10Israa'eel! Waaqa fayyisaa kee irraanfatteerta;
goda kee ka dhaga'aa ka itti dhokattu hin hubanne;
kanaafuu yoo biqiltuu filatamaa dhaabdellee
sanyii haarawallee yoo facaafte;
11yoo akka gaafa dhaabde biqilu;
bariisama gaafa facaaftee akka daraaru gootellee;
gaafa haama'aa dhibe'ee fi dhukkuba hin fayyineen
akka hin jirre taa'a.
Rabbi Banii Ufii Hin Eega12Ee laagaa lola banii hedduu;
akka bubbee galaanaatitti iyya;
Ee iyya guddaa namootaa;
akka bisaan hunna qabuutitti huursa.
13namoonni akka bisaan hunna qabuutitti
iyyanii yoo huursanillee
yoo inni isaan xixe, akka daaraa tulluu irraa
qilleensaan bittinnaayuuti;
akka buraa qilleensa bubbe'eetiin bittinnaayuutitti bittinnaayan.
14Kunoo hennaa galgalaayu dimmaa raafame;
yoo bariitu garuu womaa hin argamne;
hireen worra nu saamanii;
carraan worra nu fixanii kana ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.