Kitaaba Faaru'uu 23 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Tissee KiyyaFaaruu Daawitii

1Rabbi tissee kiyya;

womaa hin dhabu.

2Raasaa magariisa keessatti hara na baafachiisa;

gara garba bisaanii na geessa;

3Jireenna kiyya hin haarawoomsa;

maqaa ufiitiif jedhee

karaa balchumma'aa irra na masakka.

4Yoma dhooqa gaaddidduu du'aa keessallee deeme,

ati waan na woliin jirtuuf,

waan hamaa hin sodaadhu;

uleen teetii fi bordoon tee na jajjabeessan.

5Uduu diintonni tiyya argan waan nyaataa naa qopheessite;

mataa kiyya dhadhaa dibde;

mijuun tiyya guuttee irra jiddi.

6Bara jiraadhu maraa arjumma'aa fi araarri kee

shakkii malee na duukaa ta'an;

ani mana Rabbii keessa baraa haga bara baraa jiraadha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help