1Hennaa maraa Rabbiin galatoonfadha;
galanni isaa hennaa maraa afaan kiyya keessa jira.
2Garaa guutu'uun Rabbiin dhaadadha;
worri kasoon kana dhagayanii gammadan!
3Kootta'aa guddinna Rabbii na woliin beessisaa'a;
tokkumma'aan maqaa isaa haa kabajjinuu.
4Rabbiin gargaarsa gaafadhe;
Innillee naa deebise;
sodaa maraa irraa na oolche.
5Gara isaa dhiyaadhaa'a inni isinii ibsaa;
lamuu hin saalfattan.
6Rakkataan kun iyyee kadhate;
Rabbillee hin dhagayeef;
rakkoo maraa keessaa isa baase.
7Maleekkonni Rabbii
namoota isa sodaatan hin eegan;
isaan marsanii miidhaa maraa jalaa baasan.
8Rabbi arjaa akka ta'e mi'eeffadha'aa laalaa'a;
ka isa hedatu eebbifama'a.
9Namni isa sodaatu maruu womaa waan hin dhabneef
isin woyyoonni maruu Rabbiin sodaadhaa'a.
10Dureeyyiin hiyyoomatanii beelayan;
Worri Rabbiin barbaadan garuu
wonti mishaan maruu isaan jalaa hin hanqatu.
11Ijoollee tiyya! koottaa na caqasaa'a;
Rabbiin sodaachuu isin barsiisaa.
12Isin keessaa ka bara dheeraa jiraatee
waan mishaa arguu hawwu eennu?
13Afaan kee waan hamaa irraa dhooggi;
arraba kee fakkeessaa dubbachuu irraa eegi.
14Waan hamaa irraa dheessi;
waan mishaa godhi;
nagaya barbaadi;
faanaa deemi.
15Ijji Rabbii gara worra balcha'aa laalti;
gurri isaallee kadhaa isaanii dhagaya.
16Yaadannoo isaanii lafa irraa balleessu'uuf;
fuulli Rabbii gara worra hammeeyyi'iiti.
17Worri balchaan Rabbitti iyyatan;
innillee isaanii dhagaye;
rakkoo maraa keessaa isaan baase.
18Rabbi worra garaan isaanii gaddetti dhiyo'o;
worra womaa abdii hin qabne hin oolcha.
19Rakkoon worra balcha'aa baay'e'e;
Rabbi garuu sanniin maraa keessaa isaan baasa.
20Rabbi lafee isaanii maraa hin eega;
isaan keessaa tokkollee hin cabu.
21Cubbamtoota hammeenni isaanii isaan ajjeessa;
worra balchaa jibban maraa itti murteessa.
22Rabbi tajaajiltoota ufii jireennaan isaan jiraachisa;
ka isa irkoo godhate itti hin murtaayu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.