1Muuseen raasaa Moo'aabiitii ka'ee gara gaara Naaba'aa baye; Iyyaariko'oo gara baya biiftu'uutiin qaccee gaara Phiisga'aa gaye; achii Rabbi lafa maraa akka gamatti laalu godhe; kunillee daangaa Gala'aadiitii kaasee haga qachaa Daanii ka gara kaabaatiin jiruu,
2Daangaa Niftaalemiillee guutuu, daangaa Efreemiitii fi daangaa Minaase'ee, karaa dhiyaatiin haga qaccee galaana Meditiraaniyaanii, haga daangaa Yihuuda'aati.
3Neegeebii fi raasaa isi'ii, dhooqa Iyyaariko'oo, Iyyaarikoo qachattii Zambaabaa jedhamtuu haga Tso'aarii itti mudhise.
4Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Lafti fiixaa isaanii dhaalchisu'uuf Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin kaku'uun abdachiisee waadaa gale tana; kunoo isii akka ijaan argitu si taasiseera; garuu ati achi hin ceetu.»
5Kanaafuu Rabbi tajaajilaa Rabbii Muusee akkuma biyya Moo'aabii uduu jiru itti dubbatetti achitti du'e.
6Rabbi dhooqa qachattii Beeta feegooriin afo'otti argamtu Moo'aabitti awwaaleen; garuu haga adhaa hulee inni itti awwaalame ka adda baasee kolbatti beeku hin jiru.
7Muuseen hennaa du'u umuriin isaa woggaa dhibbaa fi diddama ture; garuu nama jabaa ijji isaa hin dimimmifnee fi hunni isaa hin dadhabne ture.
8Baniin Israa'elii raasaa Moo'aabiititti Muuse'ee haga guyyaa soddomaa booyee gadde.
9Iyyaasuun bakka Muuse'ee bu'ee inni waan harka ufii irra kaayee muudeenii tureef ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun ka hafuura ogumma'aatiin guuttame ta'e; baniin Israa'elii Iyyaasu'uu hin ajajaman; ajaja Rabbi Muusee irraan isaanii kenne hin eegan.
10Raagaan akka Muuse'ee ka Rabbi addaataa woliin qaaqe sirima Israa'eliin keessatti achii as hin argamne.Ser. Ba'u. 33:11
11Raagaan Rabbi gara mootii biyya Misirii, gara bulchootaa, akkasuma guutuu biyyaa maraa irratti ergee hujii baasaatii fi ka maalale'ee akka raawwatan taasisee fi mudhise ka biraa sirimaa hin jiru.
12Worra Israa'elii maraa afo'otti ka waan akkanaa gudda'aa fi ka sodaachisu godhe, raagaan biraa ka akka Muuse'ee sirima hin jiru.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.