Kitaaba Iyyoobii 30 - Kitaaba Woyyuu

1«Amma garuu worri umuri'iin naa gad jiran natti baldan;

abboonni isaanii worra ani tuffadhu

worra sariin hoolota tiyya tissanittuu hin bikkamne.

2Hunni isaanii waan dadhabaa ta'eef

anaa womaa hin fayyadan turan.

3Sababaa rakko'oo fi beelaatiin

gara lafa gammoojji'ii deema'aa

hidda gara garaa nyaata'aa turan.

4Baala sooqidda sooqidda dhawu ka lafa gammoojji'ii jiru guurata'aa turan;

hidda muka dhittacha mi'aa hin qabnee nyaata'aa turan.

5Namoota irraa fooyamanii ari'aman;

akkuma namni hattu'utti iyyu isaanittillee iyyan.

6Isaan worra hulee jireenna ufii dhooqa,

godaa fi qilee keessatti qotame keessa jiraatu ta'an.

7Bosona keessa naannaya'aa akka bineensa bosonaa iyyan;

saatoo jalattillee wolitti qabamanii jiraatan.

8Shabbeenaan tumama'aa biyyaa ari'amu'uun,

maqaan isaanii bada'aa worra sammuu hin qabne ta'anii jiraatan.

9«Ani amma nama isaan itti sirbanii fi

tirrii itti dhiitan ta'eera.

10Na ceem'anii na irraa fagaatan;

sodaa tokko malee na afo'otti hancufa tufan.

11Rabbi waan hunna kiyya dadhabsiisee na salphiseef,

akkuma farda akkuchaan irraa furamee natti burraaqan.

12Mirga kiyyaan worra haala malee guddatantu natti ka'e;

na kuffisu'uuf luka kiyya jala siiboo kaayan;

hujii badaa ufiillee gara kiyya deebisan.

13Karaa natti cufanii

na balleessuu barbaadan;

ka waan kana godhuu isaan dhooggu hin jiru.

14Akkuma lolaan kutee seenu,

waan waa na irraa ittisu kutanii natti seenan;

waan maraa caccabsa'aa natti dhufan.

15Naasuun guddaan na qabeera;

ulfinni kiyya akka qilleensa bubbisee lufuutitti lufe;

abdiin fayyummaa kiyyaallee akka hurri'iititti bittinnaayee bade.

16«Lubbuun tiyya guddiftee dhiphatte,

du'aafillee dhiyaadheera.

17Halkan guutuu lafeewwan kiyya na dhukkuba'aa bulan,

dhukkubbiinillee hara na hin baafachiisu.

18Sababaa dhibee guddaa qabuutiin uffanni kiyya hin bade.

akka morma shamisi'iititti hudhee na qabe.

19Rabbi darbee dhoqqee keessatti waan na gateef

biyye'ee fi daaraa fakkaadhe.

20«Yaa Rabbi! gara kee iyye naa hin deebifne;

ol ka'e; na hin laalle.

21Deebitee garaa natti jabaatte.

jabeenna harka keetiitiin na dhiphifte.

22Lafaa na kaaftee qilleensa irra na teessifte;

bubbee haboonbolatti'iitiin na bassite.

23Mana jiraattonni maruu du'aaf keessatti wolitti qabamaniif

akka dabarsitee na kennitu beekeera.

24Namni rakkate gargaarsaaf harka diriirsee yoo iyyu

dhugamaan namni isa hin miidhu.

25Ani namoota rakkataniif hin boonnee?

hiyyeeyyi'iif hoo hin dhiphannee?

26Waan mishaa argadha jedhee hawwe

garuu waan hama'atu na irra gaye;

ifni naa baya jedhee uduu eeggadhu

guyyaan natti dukkanaaye.

27Keessi kiyya hin dhiphate;

womaa nagaya hin arganne.

guyyaan rakkinnaallee na irra gaye.

28Qaamni kiyya oo'a adu'uutiin uduu hin taane,

gaddaan gurraachate.

hulee itti gad bayan jidduu dhaabadhee gargaarsa gaafadhe.

29Ani nama irraa fooyamee jeedalaaf obboleessa;

guchi'ii goshoo ta'e.

30Gogaan kiyya gurraachatee na irraa harca'e.

lafeen kiyyallee sababaa oo'aatiin gubate.

31Masiinqo'oo fi kiraariin gammachuu kiyya ittiin dhageessisa'aa ture

amma ka laagaa guungummii gadda kiyyaa ittiin dhageessisan ta'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help