1Dubbiin Rabbi Imbaaqoomii raattichatti mudhataan mudhise kana;
Gadda Imbaaqoom Waan Hanqinna Haqaatiif Gadde2Yaa Rabbi! guyyaan ati akka nu gargaartuu fi miidhaa nu irra gayeef sitti himata'aa gara kee iyyannu dhageettee nu oolchitu yoomi?
3Ati maaf miidhaa ta'a'aaru kana maraa akka argu na taasifte? atillee hennaa miidhaan kun maruu ta'u arga'aa attamitti cadhiftee laalta? ani badi'ii fi dhibuu arga'aara; lollinii fi wol mormiin hin ka'a.
4Akkaataa kanaan seerri laafeera; handhillee dabeera; worri hammeeyyiin namoota qajeelaa marsaniiran; kanaafuu murtiin dabeera.
Deebii Rabbi Deebise5Achiin maayessa Rabbi banii ufiitiin akkana jedhe, «Isin banii naannaya keessan jiru mee laalaa'a; waan argitan maraa guddisa'aa maalalaa'a; ani waan maalale'ee ka namni kamuu isinitti himee amanuu hin dandeenne bara keessanitti godha.Hu. Er. 13:41
6Ani worra Baabiloonii gar jabeeyyi'ii fi worra jarjaru san isinitti kaasa; isaan biyya ka isaanii hin taane hunna ufiitiin qabachu'uuf biyya maraa keessa naannayan.
7Isaan worra nama sodaachisanii fi nama naasisan; seera ulfinna ufii ittiin eeggatan baafatan.
8Faradoon isaanii qeerransa caalaa fiigan, jeedala halkanii caalaa nama sodaachisan; worri farda yaabbatan gulufa'aa fago'oo dhufan butanii nyaachu'uuf akka allaattii bajja jedhamuu caalaa bararan.
9Loltoonni isaanii maruu hujii didda'aa hojjatu'uuf deeman; fuulli isaanii akka qilleensa baya biiftu'uutii dhufuu nama guba; worra booji'aman akka xidhacha galaanaa wolitti qaban.
10Isaan moototatti baldan; bulchoota ufii tuffatan; kusheewwan maraa irratti kolfa'aa biyyee tuulanii isaan qaban.
11Achiin maayessa isaan akka qilleensaa haranii deeman; namoonni hunna ufii akka Waaqa ufiititti laalan kunniin yakkamtoota.»
Gadda Imbaaqoom Deebi'ee Waan Hanqinna Haqaatiif Gadde12Yaa Rabbi! Waaqa kiyya! ati woyyuu dur irraa jirtu; ati waan nu eedduuf hin duunu; ati isaan akka murtii kee raawwatan keetteerta; Ati akka dhagaa qarsa'aa keenna! akka isaan nu adaban baallii isaanii kenniteerta.
13Ijji tee waan qulqulluu taateef attamitti waan hamaa argitee obsita! atillee hennaa hujiin hamaan hojjatamu arguun sitti hin tolu; eeganaa worra dhibaa kanniin attamitti cadhiftee laalta? hennaa worri hammeeyyiin namoota isaan caalaa mimmishaa ta'an balleessu'uuf ka'an maaf cadhiftee laalta?
14Wonti namoota akka qurxummii galaanaatii fi uumama gara'aan lafa irra looyan ka galaana keessaa ka isaan bulchu hin qabnee isaan gootuuf maali'i?
15Akkuma qurxummiin hookkoo sibiilaatiin qabamu akkasuma diinni isaan maraa qaba; akka qurxummii siibo'oon harkifamuutitti isaan harkisanii hulee wolitti qabanitti isaan tuulan; waan kana godheef gammadee utaala.
16Isaan siiboo ufii ka harkisanii ittiin baasan saniif qanani'iin nu jiraachise, nyaata addaa nu nyaachise jedhanii meeshaa ufii kanaaf ciincaa dhiyeessan; hixaanallee hin aarsaniif.Mot. 2ffaa 24:2
17Eeganaa inni siiboo hargufa'aa banii araara malee fixa'aa deemuu barbaachisaa?
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.