1Agriiphaan Phaawuloosiin, «Waan kee akka dubbattu si hoffolchineerra» jedheen. Hennaa san Phaawuloos harka ufii hiixatee akkana jedhe.
2-3«Mootii Agriiphaa'a! sirna Yihuudotaa wol mormii maraa sirri'itti waan beettuuf waan Yihuudota afo'otti himatameef maraa afoo keetitti waan deebii kennuuf akka nama eebbifameetitti uf laala. Kanaaf obsaan akka na dhageettu si kadhadha.
4Duruma irraa jalqabee banii kiyya jiddu'utti waan Yerusaalemitti ta'e, «Daa'imummaa kiyya irraa jalqabee jireenna jiraadhe Yihuudonni maruu hin beekan.
523:6; Filph. 3:5-6 Isaan yoo naaf ragaa bayuu barbaadan akka worra jabeessanii amantii cimsanii, worra maraa caalaa seera eegu'uun jabaate keessaa nama gosa Faarisii ta'ee akka jiraadhe dur irraa jalqabanii na beekan.
624:15,21; 28:20 Ammallee Rabbiin biraa waan dubbii abdi'ii ka abboota teennaa kennameetiif falmatu'uuf dhaabadheera.
7Gara dubbii abdi qabeessa kanaa worri keenna kudha lamman halkanii fi guyyaa jabaatanii waaqeffata'aa akka bira gayaniif hedannoo qaban; mootii Agriiphaa'a! ani waan hedannoo kanaatiif Yihuudotaan himatame.
8Rabbi worra du'an akka kaasu maaf isin biratti waan hin amanamne ta'ee laakkayama?
9 8:3; 22:4-5 «Anuu maqaa Yesuusii nama Naazireetii kana mormuun kiyya, waan guddaa godhuu na barbaachisu woyii waan godhe natti fakkaata'aa ture.
10Kanallee akkasuma Yerusaalemitti godhe. Bulchoota gadootaa irraa baallii fudhadhee, ani namoota woyyuu heddu isaanii hiisisee hennaa ajjeesanillee worra ajjeesuun wolii gale.
11Mana sagadaa marattuu hennaa hedduu akka isaan arrabsan namoota jajjabessa'aa ture. Hennaa guddisee isaaniin lolu haga qacha'aan alaatii fi haga biyyaan alaa isaan ari'a'aa ture.
12«Waan kanaaf bulchoota gadootaa irraa ajajaa fi baallii fudhadhee gara Damaasqo'oo uduu deema'aaru,
13Mootii kiyya! karaa irratti guyyaa wodhakkaa yoo ta'u naannoo kiyyaa fi naannoo worra na woliin deemaniitittillee ifti ifa adu'uutii ol ta'e samii irraa hennaa ifu arge.
14Nu maruu hennaa lafatti gad kufne laagaa, ‹Saa'ol! Saa'ol! maaf na ariita? Yoo arfii sibiilaa kana mormite sitti jabaata› jedhu afaan Ibraayisxiitiin hennaa natti dubbatu dhagaye.
15Anillee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Inni akkana naan jedhe, ‹Ani Yesuusii ati ariitu.
16His. 2:1 Ka'ii dhaabadhu; kanaafuu akka itti na argitee fi waan argite saniif tajaajila'aa fi raga bayaa akka taatu si muudu'uuf jedhee waan sitti mudhadheef.
17Erm. 1:7 Dhiifamsa cubbu'uutiif anatti amanu'uun worra qulqullaayan jiddu'utti ristii akka argataniif.
1820:32; Isa. 47:7; Qol. 1:12-14 Dukkanaa gara ifaa, baallii seexanaa keessaa gara Rabbii akka deebi'an ija isaanii akka bantuuf banii itti si ergu worra Yihuudota hin taane jalaallee si oolcha.›
Phaawuloos Hujii Ufii Himate19«Mootii Agriiphaa'a! ani waan manaaba sami'ii natti mudhate kana hin dinne.
209:19-20,28-29 Haa ta'uu ammo duraan dursee worra Damaasqoo jiran, Yerusaalemittillee biyya Yihuudotaa maratti, worri Yihuudii hin taanellee akka aagii galaniif akka waan aagii galuun isaan barbaachisu irraa aagii galanii gara Rabbii deebi'aniif dubbadhe.
2121:30-31 Kanaafuu Yihuudonni mana woyyuu keessatti qabanii na ajjeesu'uuf yaalii godhan.
22Luq. 24:44 Rabbiin biraa gargaarsa argadhee diqqa'aa fi gudda'aa raga'aa haga guyyaa adhaa dhaabadheera.
2317:3; Isa. 42:6; 49:6; Luq. 24:46-47; Qor. 1ffaa 15:20 Raattonninii fi Muuseen waan ta'u'uuf ta'u, ‹Kiristoosiin irra akka rakkinni gayu, du'aa ka'uun worra du'anii banii isaatiif ifa worra Yihuudii hin taaneef› jedhanii ka hennaa durii isaan himan san malee waan biraa wonti ani dubbadhe tokkollee hin jiru» jedhe.
24Phaawuloos akkana jedhee waan ufii yoo deebisu Fiisxoos laagaa gudda'aan, «Phaawuloos! ati maraatteertaa bee; guddiftee baratuun kee gara maraattumma'aa si deebisa'aara!» jedheen.
25Phaawuloos ammo akkana jedhee deebiseef, «Kabajjamaa Fiisxoos! Ani qalbii qaba; waan dhuga'aa dubbadha malee hin maraanne.
26Yoh. 18:20 Mootiin ammo waan ani isa afo'otti addaataa dubbadhe kana hin beeka. Waan kana keessaa wonti tokkollee akka jalaa hin dhokanne waan hubadheef kun waan dhossa'atti godhame waan hin taaneef.
27Mootii Agriiphaa'a! Raattota hin amantaa? Akka amantu hin beeka» jedhe.
28Agriiphaan Phaawuloosiin, «Akkuma salpha'atti Kiristaana na taasisuu barbaaddaa?» jedheen.
29Phaawuloos, «Hennaa diqqoo keessatti yookaan hennaa dheeraa keessatti si callaa uduu hin taane worri adha na dhagayan maruu hidhaa kiyya kana malee akka kiyya akka ta'an Rabbiin isaanii kadhadha» jedheen.
30Mootiin bulchaan biyyaa Barniiqeenillee worri isaan woliin taa'aniiran maruu bakka jiranii ka'anii achi siiqanii,
3123:29 «Namni kun waan isa ajjeesisu dhiisa'aa waan isa hiisisuu tokkollee hin goone» jedha'aa woliin qaaqan.
3225:11; 28:19 Agriiphaan Fiisxoosiin, «Namni kun bee, ‹Gara Qeesaarii uduu ol iyyachuu dhabaatee› silaa hiikuun hin danda'ama» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.