Seera Laakkobsaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Ganda Gosa Maraa Itti Ramadan

1Rabbi Muuse'ee fi Aaroonitti akkana jedhee dubbate;

2Ijoolleen Israa'elii maruu waan adda isaan godhu harkatti qabatanii malkata manniin abboota isaaniititti haa quphatanii; huleen isaan itti quphatanillee naannaya daasee wol gayi'iiti.

3Worri gara baya biiftu'uutitti quphatan, worri Yihuuda'aa akkuma duula isaaniitiin malkata adda isaan taasisu harkatti qabatanii quphatan; bulchaan ijoollee Yihuuda'aa ilma Amiinaadaabii Na'aasooniin ture.

4Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma torbaatamii afurii fi dhibba jaha ture.

5Worri cinaa isaatitti quphatan gosa Yisaakoorii ta'a; bulchaan ijoollee Yisaakoorii ilma Soogaarii Naatinaa'eeliin ture.

6Duulli isa woliin laakkayaman kuma shantamii afurii fi dhibba afur.

7Cinaa isaaniititti worri quphatan gosa Zaabilooniiti; bulchaan ijoollee Zaabiloonii ilma Keeloonii Eeliyaabiin ture.

8Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma shantamii torbaa fi dhibba afur ture.

9Ganda Yihuuda'aatii worri laakkayaman maruu akka duula isaaniitiin kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii jahaa fi dhibba afur; akka kanaan gofti Yihuuda'aa firrisanii deeman.

10Gara bita'aatiin duula isaanii woliin worri quphatan malkata ganda Roobeeliiti; bulchaan ijoollee Roobeelii ilma Saadiyoorii Eelsuur

11Duulli isaa worri isa woliin laakkayaman kuma afurtamii jahaa fi dhibba shan turan.

12Worri cinaa isaaniititti quphatan gosa Simooniiti; bulchaan ijoollee Simoonii Salaami'eelii ilma Suurshadaayii ture.

13Duulli isaa isaan keessaallee worri laakkayaman kuma shantamii sagalii fi dhibba sadihi turan.

14Worri cinaa isaaniititti quphatan gosa Gaadiiti; bulchaan ijoollee Gaadii ilma Daa'u'eelii Eelsaaf.

15Duulli isaa isaan keessaa worri laakkayaman kuma afurtamii shanii fi dhibba jahaa fi shantama turan.

16Ganda Roobeeliitii worri laakkayaman maruu, akka duula isaaniitiin kuma dhibba tokkoof shantamii tokkoo fi dhibba afurii fi shantama turan.

Akkaataa kanaan kunniinillee isaan duukaa deeman.

17Achiin maayessa worri Leewwotaa ganda keessa hulee daasee wol gayi'ii jiddu'uun deema; namni maruu akkuma ganda isaaniitiin malkata adda isaan godhu harkatti qabatanii deeman.

18Worri gara dhiyaatiin quphatan duula isaanii woliin malkata ganda Efreemiiti; bulchaan ijoollee Efreemii ilma Amihuudii Eelsaama'a.

19Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan.

20Worri ladda isaaniitiin quphatan ammo gosa Minaase'eeti; bulchaan ijoollee Minaase'ee ilma Fiddaasuurii Gamaali'eeliin ture.

21Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma soddomii lamaa fi dhibba lama turan.

22Worri isaan laddatti quphate ammo gosa Biiniyaamiiti; bulchaan ijoollee Biiniyaamii ilma Gaadiyoonii Abdaaniin ture.

23Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma soddomii shanii fi dhibba afur ture.

24Ganda Efreemii keessaallee worri laakkayaman maruu akka duultota isaaniitiin kuma dhibba tokkoof saddeetii fi dhibba tokko turan; akkaataa kanaan kunniinillee hiriira sadeesso'oo ta'anii deeman.

25Worri gara mirgaatitti duultota isaanii woliin waan adda isaan godhu qabatanii quphatan malkata ganda gosa Daaniiti; bulchaan ijoollee Daanii ilma Amisaadaayii Aki'eezar ture.

26Duultonni isaallee worri isaan keessaa laakkayaman kuma jahaatamii lamaa fi dhibba torba turan.

27Worri ladda isaaniititti quphatan gosa Aseerii ilma Eekraanii Faagi'eeliin ture.

28Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayaman kuma afurtamii tokkoo fi dhibba shan turan.

29Worri ladda isaaniititti quphatan gosa Niftaalemii ilma Eenaanii Aakiree ture.

30Duulli isaa worri isaan keessaa laakkayamanillee kuma shantamii sadihii fi dhibba afur.

31Ganda gosa Daanii keessaa worri laakkayan maruu kuma dhibba tokkoof shantamii torbaa fi dhibba jaha turan; isaanillee malkata isaanii qabatanii maayessaan deeman.

32Ijoollee Israa'elii keessaa akkaataa manniin abboota isaaniitiin worri laakkayaman kanniin; ganda keessaa akkaataa duula isaaniitiin worri laakkayaman maruu kuma dhibba jahaaf sadihii fi dhibba shanii fi shantama.

33Worri Leewwotaa ammo akkuma Rabbi Muusee ajaje isaan ijoollee Israa'elii woliin hin laakkayamne

34Ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan; malkata adda isaan godhu qabatanii quphatan; akkasuma gosa ufiitii fi worra mana abboota isaanii woliin deeman.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help