Seera Keessa Deebii 29 - Kitaaba Woyyuu

Waadaa Rabbi Biyya Moo'aabii Keessatti Banii Israa'eliitii Kenne

1Jechoonni waada'aa ka Rabbi gaara Kooreebiitiin alatti lafa Moo'aabii irratti ijoollee Israa'elii woliin gale ka Rabbi Muusee ajaje kanniin.

2Muuseen ijoollee Israa'elii maraa waamee akkana isaaniin jedhe, «Baasaa fi maalalee gugurdaa'a,

3balaa gugurdaa Rabbi biyya Misiriititti Fari'oonii fi garboota isaa maraa afo'otti raawwate maraa ijji teessan argiteerti.

4Rabbi garuu onnee hubatu, ija argituu fi gurra dhagayu haga adhaa isinii hin kennine.

5Woggaa afurtamaa lafa gammoojji'ii keessa isin masakke, uffanni keessan hin moofne, kopheen keessanillee hin moofne.

6Ani Rabbii Waaqa keessan akka ta'e akka beettan buddeena hin nyaanne daadhii woyinii'itii fi waan nama macheessu hin dhunne.

7Hennaa gara hulee kanaa dhuftan mootiin Haseboonii Seewoonii fi mootiin Baasaanii Aagi nuun lolu'uuf dhufanii turan; nu garuu isaan mooyanne.Ser. Lak. 21:21-35

8Lafa isaaniillee harkaa fudhannee Roobeel, Gaadii fi gosa Minaase'eetii fillee wodhakkaa lafa sanii isaanii kennine.Ser. Lak. 32:33

9Kanaafuu wonti isin gootan maruu akka isinii qajeelu jechoota waada'aa kanniin eegaa'a, raawwadhaa'a.

10-11«Isin maruu, bulchoonni keessan, gofti keessan, jaarsonni keessan, worri isin muuddan, ijoolleen Israa'elii maruu, ijoolleen teessan maruu, dubartoonni teessan, galaan isinitti galee isin keessa jiraatu ka muka muruu fi ka bisaan woraabullee kunoo Rabbii Waaqa keessan afoo dhaabattaniirtan.

12-13Adha banii ufii godhee si kaasu'uuf akkuma inni sitti hime akkuma Waaqa sii ta'u'uuf abboota kee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii kakate waadaa Rabbii Waaqa kee woliin galtuuf akka kakuu Rabbii Waaqa keetii dhageettuuf.

14Ani waada'aa fi kakuu kana isin callaa woliin hin galu.

15Garuu worra adha Rabbii Waaqa kenna afoo nu woliin dhaabatan namoota adha as nu woliin hin jirre woliinille'e.

16«Nu akka biyya Misirii keessa jiraanne akka orma jidduu lufne beettaniirtan;

17battummaa isaanii, waaqa tolfamaa isaan jidduu jiran ka muka, dhagaa, birri'ii fi worqii irraa tolfaman argitaniirtan.

18Namni deemee waaqolee tolfamaa worra ormaa sanniin waaqeffatu'uuf adha onnee ufii Rabbii Waaqa ufii irraa dogoggorsu dhiira yookaan intala, gosa yookaan worri isin keessa hin jiraatin, namni hujii hadhaaya'aa fi badaa akkanaa kana hojjatu isin keessa hin jiraatin.Ibr. 12:15

19Namni jecha abaarsaa kanniin dhagayee yoma onnee badduu tiyyaanillee deeme, dheebisaaf waan nama macheessu yoo dhuge nagaya argadha jedhee yoo yaade,

20hinaaffa'aa fi lola Rabbiititu nama san irratti bu'a malee Rabbi nama sanii hin araaramu; abaarsi kitaaba kana keessatti barreeffame maruu isa irratti ta'a; Rabbi maqaa isaa lafa irraa balleessa.

21Rabbi akkuma waadaa kitaaba seeraa kana keessatti barreeffame akkuma kakuu abaarsaatiin gosa Israa'elii maraa keessaa badi'iif isa fooya.

22Dhaloonni asiin maayessa ka'u, ijoolleen isiniin maayessa dhalatan, keessummaan biyya fago'oo dhufu, dhibee biyya kanaa, balaa Rabbi isii irratti godhe,

23biyyi sun maruu ibiddi bobayee hin dhaamnee fi laftillee lafa sooqiddaa taati; akka wonti facaafame isii irratti hin biqille, marginii fi wonti lalisu kamuu akka isii irratti hin margine akka biyya Soodomiitii fi Gamoora'aa ka Rabbi lolaa fi hirpha ufiitiin balleesse akka Adaama'aatii fi akka Sibaayo'oo akka taate yoo argan;Ser. Uma. 19:24-25

24Ormi maruu ‹Rabbi lafa tana maaf akkana godhe? Balaan guddaan lola isaa kun maali'i?› Jedhan.

25Namoonnillee akkana jedhan ‹Jecha waada'aa ka Rabbi abboota isaanii ka biyya Misiriitii isaan baasee san waan hin dhageennee fi waan dhiisaniif.

26Deemanii waaqa tolfamaa hin beenne san waan waaqeffatanii fi waa isaa sagadaniif.

27Kanaafuu abaarsa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isaan irratti buusu'uuf dheekkamsi Rabbii lafa tana irratti ta'e.

28Akkuma adha jedhan kana Rabbi dheekkamsaa fi balaa gudda'aan lafa isaanii irraa isaan buqqisee biyya biraatitti isaan gate.›

29«Dhossaan ka Rabbii Waaqa keennaati; wonti mudhate garuu jechi seeraa maruu nu'uu fi ijoolleen teennallee akka raawwannuuf.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help