Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 21 - Kitaaba Woyyuu

Fiixaan Saa'olii Du'aan Adabaman

1Bara Daawiti bulchu woggaa sadihii guutuu beelatu ture; sababaa kanaaf hennaa Daawiti Rabbiin kadhate Rabbi «Saa'olii fi maatiin isaa namoota Gabaa'oonii ajjeesanii yakkaniiran» jedhee deebiseef.

2Akkuma beekkamu namoonni Gabaa'oonii namoota Israa'eliitii miti; worri Israa'elii worra Gabaa'oonii eegu'uuf waan waadaa galaniif worra gosa Amoorotaa irraa fooyamanii hojjuma ufii jiraatan; Saa'ol garuu guyyaa baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa wol geettii qabanitti isaan fixu'uuf yaadee ture.

18Achiin maayessa hulee Goob jedhamu irrattillee worra Filisxeemiitiin wol lolan; Sebokaayi namni gosa Kuusa'aa Saafinii nama gosa Raaffaayimii ajjeese.

19Akkasuma lafa Goob jedhamtu irratti worra Filisxeemii woliin wol lolan; hennaa san ilmi Ari'aargii Eeliyaan nama gosa Geetii ka soomayyuun isaa haga muka woyaa dhooftuun woyaa itti martu gayu harkaa qabu Goliyaadiin ajjeese.

20Achiin maayessa gosa Geetii irratti lolatu ka'e; achi nama dheeraa harkinii fi lutti isaa caaccuu woliin quba diddamii afurii qabutu ture; inni garuu nama gosa Raaffaayimii keessaa dhalate.

21Hennaa inni worra Israa'eliitiin lolu'uuf itti miixe Yoonaataan ilma obboleessa Daawitii Saamaan isa ajjeese.

22Namoonni jajjabaan arfan ta worra Geetii namoota gosa Raaffaayimiiti; isaan maraa Daawitii fi loltoota isaatitu ajjeese.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help