Kitaaba Faaru'uu 147 - Kitaaba Woyyuu

Galata Waaqa Waa Maraa Danda'uu DhiyaatuFaaruu Hage'eetii fi ka Zakkaariyaasii

1Halee luyaa!

Waaqa keennaa faaruu dhiyeessuun misha'aa fi bareeda'a.

isa galatoonfatuun waan nama gammachiisu.

2Rabbi Yerusaalemiin deebisee hojjata;

worra Israa'elii ka bittinnaaye wolitti qaba.

3Worra onneen isaanii madoofte hin fayyisa;

dhibee isaanii irraallee isaan fayyisa.

4Laakkobsa urji'iillee hin beeka;

isaan maraa maqaa isaaniitiin waama.

5Gooftaan keenna gudda'a;

hunni isaa gudda'a;

ogummaan isaallee haga hin qabu.

6Rabbi worra tuffataman ol isaan guddisa;

worra dhara hojjatan ammo kuffisee salphisa.

7Galata Rabbiitiif faarfadhaa'a;

Waaqa keenna

kiraara guddaa sagalee dhageessisuun faarfadhaa'a.

8Samii duumessaan cufa;

lafaallee rooba kenna;

gaarran gubba'atti marga margisiisa;

waan lalise bu'aa dhala namaatiif.

9Ilmoolee harraageyyi'ii ta isa waamattuu,

busaawa'aallee waan nyaatan kenna.

10Gammachuun isaa hunna farado'ootii fi

hunna loltootaatiinii miti.

11Rabbi ammo worra isa sodaatan

worra jaalala isaa hedatanitti hin gammada.

12Yerusaalem! Rabbiin galatoonfadhu!

13Tsiyoon! Waaqa keetii ililfadhu;

loosaa balbala keetii jabeessee

banii si jidduu jirullee waan eebbiseeruuf.

14Daangaa kee nagaya godhe;

qamadii misha'aan si quubsa.

15Ajaja ufii bani'iif dabarsa;

dubbiin isaallee dafee raawwatama.

16Fuuttaa jirbi'ii akka qorra adi'iititti badhisa;

qorrallee akka daara'aatitti bittinneessa.

17Baradaa kukkutee gad harcaasa;

kirfaffuu isaa afoo eentu dhaabachuu danda'a?

18Dubbii ufii ergee isaan baasa;

qilleensa bubbisiisee bisaan dhangalaasa.

19Dubbii ufii ijoollee Yaaqoobiitii,

seeraa fi ajaja ufiillee banii Israa'eliitii kenna.

20Waan kana maraa banii kaawwanii hin goone;

seera ufiillee isaanii hin ibsine.

Halee luyaa!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help