1Garaa naa laafi; Yaa Rabbi garaa naa laafi;
lubbuun tiyya waan si irkoo godhatteef;
kooluu kee jalatti quphadha.
2Ani gara Waaqa waan naa yaade naa raawwatuu;
Rabbii maraa oliititti iyyadha.
3Sami'ii ergee na oolcha;
worra na dhiitan hin salphisa;
Rabbi araara ufiitii fi amanamummaa ufii hin erga.
4Lubbuu tiyya leencaniin marfamteerti;
busaayaa nama cicciran wodhakka'atti kufeera;
kunniin namoota ilkaan isaanii
ebo'oo fi buundhe'ee,
arrabni isaanii guraadee qarame ta'e.
5Yaa Rabbi! samii irratti kabajjami;
ulfinni keellee ardii maraa irra haa guutu.
6Luka tiyya jalatti siiboo diriirsan;
lubbuu tiyyallee gaddaan gad deebisan;
karaa ani lufuun irratti boolla qotan;
garuu ufumaa itti kufan.
7Yaa Rabbi! Garaan kiyya jaba'a;
garaan kiyya hin mamu;
hin weeddisa; hin faarfadha.
8Lubbuu tiyya! dammaqi;
kiraarri ka sagalee guddaa dhageessisuu fi
masiinqoonillee ka'aa'a!
anillee ganamaan ka'aa.
9Yaa Gooftaa'a! banii jiddu'utti
si galatoonfadha;
namoota jiddu'uttillee si faarfadha.
10Araarri kee haga sami'ii waan ol guddateef;
amanamummaan keellee
haga duumessaa ol gayeera.
11Yaa Rabbi! samiiwwan gubba'atti ulfaadhu;
ulfinni keellee ardii maraa irra haa babadhatu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.