Raajii Isaayyaasii 12 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Galataa

1Bara san akkana jetta;

«Yaa Rabbi;

dura naan loltee turte;

amma garuu loluu dhiifte;

akkasuma waan na jajjabeessiteef si galatoonfadha.

2Kunoo Rabbi fayyinna kiyya;

isa abdadha; hin sodaadhulle'e;

Rabbi Gooftaan jajjabeennaa fi faaruu kiyya;

fayyinna naa ta'eera»

3Burqaawwan fayyinna kiyyaa keessaa

gammachu'uun bisaan woraabbattan.

4Bara san akkana jettan;

«Rabbiin galatoonfadhaa'a!

maqaa isaa waamadhaa'a!

waan inni godhe worra Yihuudota hin taate jiddu'utti beessisaa'a;

akka kabajjamellee labsaa'a.

5Rabbii faarfadhaa'a;

Inni waan hujii guddaa hojjateeruuf;

kun adunyaa marattuu haa beekkamuu.

6Isin banii Tsiyoonii! ililfadhaa'a

gammachu'uun faarfadhaa'a!

woyyichi Israa'elii ka isin jidduu jiru

waan guddaa ta'eef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help