1Maal qaba uduu samiiwwan bantee buutee!
maal qaba uduu gaarranillee si arganii hollatanii!
2Akkuma ibiddi hennaa bobaye
muka gogaa bobeessee barbadaan sun
bisaan ibidda irra kaayan danfisu;
baniin maruu mudhachuu keetiin
akka hollatan gad bu'ii
maqaan kee diintota kee jiddu'utti
akka beekkamu godhi!
3Armaan dura dhuftee waan sodaachisaa
arginee hin beenne hennaa raawwatte;
gaarran si arganii sodaatanii hollatan.
4Duruma irraa jalqabee Waandhi abdii godhatan,
isa hedatan ka baasaa fi maalalee sanniin maraa hojjate
si malee ka biraa hin dhagayamne,
hin mudhanne, ka hubatellee hin jiru.
5Ati worra karaa kee hubatanii
fedha kee gammachu'uun raawwatan hin gargaarta;
hennaa nu fedha kee raawwachuu dinne
garuu ati nuun lolte;
eeganaa nu attamiin hafuu dandeenna ree?
6Nu'u maruu cubbu'uun battoofneerra;
balchummaan keennallee akka uffata fincaanii fi
dhiigaan maanxamee ta'eera;
nu'u sababaa cubbuun nutti guddateef
akkuma baala gogee qilleensi muka irraa harcaasuu taaneerra.
7Sababaa cubbuu keennaatiif
ati waan fuula kee nu irraa deebifattee fi
akka nu yakka keenna jalatti bullu waan nu dhiifteef
namni maqaa kee waamuu fi
ka si argachu'uuf xaarullee hin jiru.
8Haa ta'uu ammo Waandhana! ati abbaa keenna; nu'u faara;
ati garuu uumaa keenna;
nu maruu harka keetiin uumamne.
9Waandhana! biibboftee nuun hin lolin;
baraa haga bara baraa cubbuu keenna nutti hin laakkayin;
yabo'oo nu maruu banii keetii nu laali.
10Qachoonni tee woyyuun lafa onaa ta'aniiran;
Tsiyoon gammoojjii taateerti,
Yerusaalemillee diiggamtee barbadoofteerti.
11Manni kee bareedaanii fi
woyyuun ta abboonni teenna dur keessatti si galatoonfata'aa turan
ibiddaan gubate;
wonti nama gammachiisu diiggameera.
12Waandhana! ati waan kanniin maraan maayessa
waan tokko hin gootuu?
cadhiftee hunna kee gudda'aan nu adabdaa?
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.