1 Mat. 13:55 Garbichi Yesuus Kiristoosii obboleessi Yaaqoobii Yihuudaan, worra Rabbii Aabba'aan jaalatamanii Yesuus Kiristoosiif waamamanii eegaman maraaf,
2Phex. 2ffaa 1:2 Araarri, nageenninii fi jaalalti isinii haa guddatu.
Barsiisota Sobaa3 Xim. 1ffaa 1:18 Obboleeyyan tiyya! Waan fayyinna keennaa uduu isiniif barreessu waan amantaa woyyootaa hennaa tokko kennamee, jabaattanii akka falmattan isin gorsa'aa isinii barreessuun barbaachisaa akka ta'e arge.
4Gal. 2:4; Phex. 2ffaa 2:1-3 Hennaa dheera'aan dura murtee tanaaf worri barreeffaman namoonni gari gariin waan hulluuqanii gara keessan seenaniiraniif; isaanillee worra sodaa Rabbii hin qabne; worra badhadha Waaqaa seebarumma'atti jijjiiran, ka ufumatti mooti'ii fi Gooftaa keenna ta'e Yesuus Kiristoosiin hin ganan.
5Ser. Ba'u. 12:51; Ser. Lak. 14:29-30,35; Ibr. 3:16-19 Yoma dursitanii waan kana mara beettan ta'ellee, Gooftaan banii biyya Misiriitii attamitti akka baase, maayii worra amanuu dhaban attamitti akka balleesse isin qaabsiisuu fedha.
6Ser. Uma. 6:1-2; Phex. 2ffaa 2:4,9 Akkasuma Maleekkota Rabbii ka baalliin itti kenname irraa darbamanii hulee ufii gad dhiisan qaabadhaa'a. Rabbi wodaroo yookaan haada sibiilaatiin isaan hidhee baraa haga bara baraa dukkana keessatti haga guyyaa murtii guddaa sanii isaan eega'aa tursiiseera.
7Ser. Uma. 19:1-25; Phex. 2ffaa 2:6,10 Akkasuma Soodomii fi Gomooraan qachoota naannoo isaanii aadaa uumamaan ala ta'e, gara hujii seebarumma'aa nafa ufii dabarsanii kennaniiran. Isaanillee ibidda bara baraatiin adabama'aa worra rakkataniif fakkeenna ta'aniiran.
8Haala kanaan namoonni kunniin eebjuu eebjotan nafa ufii batteessa'aa baallii Rabbii hin tuffatan. Worra ulfinna qabullee hin arrabsan.
9Dan. 10:13,21; 12:1; Mudh. Yoh. 12:7; Kes. Deb. 34:6; Zakk. 3:2; Phex. 2ffaa 2:11 Mikaa'el bulchaan Maleekkotaa ammo hennaa waan reeffa Muuse'eetiif daabiloosiin wol morme, «Gooftaan si haa teedeffatu» jedheen malee dubbii arrabaa dubbatuu hin uggine.
10Phex. 2ffaa 2:12 Kunniin ammo worra hin beenne maraa hin arrabsan. Akka bineensota sammuu hin qabnee juu jedhanii woma beekaniin badan.
11Ser. Uma. 4:3-8; Ser. Lak. 22:1-35; 16:1-35; Kes. Deb. 23:4; Nah. 13:2; Phex. 2ffaa 2:15 Waan karaa Qaa'eliitiin deemanii waanuma inni godhe waan godhaniif, waan minda'aatiif jedhanii dogoggora Bala'aamii keessa seenanii akka finqila Qore'eetiin waan badaniif isaan Aanne'e!
12His. 34:2,8; Phex. 2ffaa 2:13,17 Kunniin waamsa jaalalaa keessanitti yoo isin woliin waamaman, waamsa jaalalaa san xureessan. Akkasuma isaan tissee ufuma callaa soortu. Isaan akka duumessa rooba hin qabnee ka qilleensaan oofamuu, akka midhaan hennaa daraaree gawutti ija hin godhanne, akka muka gogee hiddaan buqqa'ee,
13Isa. 57:20; Phex. 2ffaa 2:17 Akka hoomacha dambalii bisaaniitiin hoomachaawuuti; isaan akka urjii tuuttota huleen dukkana bara baraa isaanii qophaayeeti.
14Ser. Uma. 5:18,21-24; Kes. Deb. 33:2; Mat. 25:31 Heenokiin yoo Aadamiin irraa jalqabnee laakkofne torbeessoon waan namoota kanniinii akkana jedhee raage, «Kunoo Gooftaan woyyoota kumaa fi kitila woliin deebi'ee dhufa»
15kun nama maraa irratti murteessu'uuf; akkasuma worra dhiban maraa karaa dharaa ka hujanii fi waan hammeennaa ka isa irratti dubbataniif dubbii arrabaa maraa fi balleessaa isaanii addaataa ifa baasu'uuf.
16Phex. 2ffaa 2:18 Kunniin worra akka fedha dharraa ufiitiin jiraata'aa guungumanii fi worra waan hiree ufiitiif gururi'an. Isaan akka isaanii toluuf nama wol caalchisa'aa hagaa ol dubbii guddaa dubbatan.
Uf Eegganno'oo Fi Gorsa17 Phex. 2ffaa 3:2 Isin ammo jaalatamtoota tiyya dubbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii ka ergamtoonni dursanii dubbatan qaabadhaa'a.
18Phex. 2ffaa 3:3 Isaan «worra bara dhumaa cubbuu isaaniitiif halcha badaa ufiitiin deema'aa worra Asheessu» waan isaaniin jedheef.
19Qor. 1ffaa 2:14 Worri kun worra gargar isin qooduuf worra Ayyaana woyyuu hin qabne.
20Qol. 2:7; Efe. 6:18 Isin ammo jaalalloota tiyya! amantii keessan ka waa maraa caalaa qulqulluu ta'een uf ijaaru'uuf jabaata'aa Ayyaana woyyu'uun Rabbiin kadhadhaa'a!
21Araara Gooftaa kenna Yesuus Kiristoosii ka gara jireenna bara baraa geessu eeggata'aa jaalala Rabbiitiin uf eegaa'a!
22Worra morman garii gorsaa'a.
23Qor. 1ffaa 3:15 Garii ibidda keessaa buta'aa hambisaa'a; garii worra uffanni isaanii hawwii fooniitiin xuraaye jibbaa'a, araara sodaa uf keessaa qabuun isaanii dhiisaa'a.
Faatee Galataa24 Tas. 1ffaa 5:23; Rom. 16:25-27 Akka uduu hin gufanne gammachu'uun worra mudaa hin qabne godhee isin dhaabsisuu danda'uuf,
25Xim. 1ffaa 1:17; Phex. 2ffaa 3:18; Rom. 16:27 ka ufumatti Waaqaa fi qorichaa, barootaan dura, ammaa haga bara baraa, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ulfinni, gaachenni, hunninii fi baalliin haa dhufu! Amiin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.