Raajii Isaayyaasii 49 - Kitaaba Woyyuu

Ergama Nama Rabbiin Tajaajiluu

1Isin baniin lafa bisaaniin marfamte irra jiraattan na dhagayaa'a!

namoonni biyya fagoo jirtanillee hubadhaa'a;

Rabbi uduu ani hin dhalanneen dura na waame;

uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru maqaa natti baase.

2Arraba kiyya akka guraade'eetitti qare;

gaaddisa harka ufii jalatti na dhosse;

akka Toorida'aatitti na qaratee qola ufii keessatti na dhoffate.

3Inni «Israa'el! ati tajaajilaa kiyya;

sababaa keetiif baniin maruu na kabajja» naan jedhe.

4Ani garuu «akkanumaan duwwaa dadhabe;

faayidaa malee hunna kiyya fixadhe;

ta'ullee gatiin kiyya Rabbiin bira jira;

gatiin dadhabbii kiyyaa Waaqa bira jira» jedhe.

5Uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru Rabbi na filateera;

Israa'el ijoollee Yaaqoobii ta bittinnoofte

akka wolitti qabuuf tajaajilaa ufii na taasifate;

ani Rabbiin biratti kabajjama'a;

Waandhi kiyya hunna naa ta'e.

6Rabbi akkana jedha,

«ulfinna gosa Yaaqoobii deebisu'uuf

tajaajilaa kiyya taatee hojjachuu callaan hin gayu;

ka kana caalu fayyisuun kiyya akka haga daangaa lafaa gawu;

ati akka banii maraafuu ifa taatu si taasisa.»

7Rabbi woyyichi Israa'elii fayyisaan si'ii banii maraa biratti tuffatamtee fi jibbamte

si'ii hojjataa bulchoota maraatiin

mootonni yoo si argan lafaa sii ka'an;

worri jajjabaanillee sii sagadan;

wonti kun sii ta'uuf waan Rabbiin woyyichi Israa'elii amanamaan si filateef.»

Yerusaalem Deebitee Ijaaramte

8Rabbi akkana jedha,

«Hennaa ufii filadhetti faatee teetiif deebii deebisa;

guyyaa fayyumma'aallee si gargaara;

akka ati biyyattii deebiftee ijaartuuf,

lafa ona taate akka qoqqooddu,

ani waadaa godhee bani'ii si kenneera.

9Ati worra hidhaman hidha'aa hiittee ‹bilisaan deemaa'a› jetta;

worra dukkana keessa jiruun ‹gara ifaa bayaa'a› jetta;

isaan karaa deemanitti waan nyaatan argatan;

gaara gogaa irra akka Re'iinii bobbayan.

10Hin beelayan, hin dheebotan;

oo'inii fi aduunillee isaan hin gubu;

wonti kun ta'uuf waan inni garaa isaanii laafu gara hulee burqaan bisaanii jiru isaan masakkuuf.

11«Gaarran kiyya diigee karaa baasa;

karaa kiyya wol qixxeessa.

12Baniin kiyya biyya fago'ootii dhufan;

kaabaa fi dhiya adu'uutii;

biyya Siiniimiitiillee hin dhufan.»

13Rabbi waan banii ufii jajjabeessuu fi worra rakkataniifillee waan garaa laafuuf

isin samiiwwan! faarfadhaa'a; atillee ardiin gammadi;

isin gaarranillee ililfadhaa'a;

14Baniin Yerusaalemii garuu

«Rabbi nu dhiiseera;

Gooftaan nu irraanfateera» jedhan.

15Haati dhugama finna ufii deettetti garaa jabaattee irraanfattii?

ee; irraanfatuu dandeetti;

ani garuu si hin irraanfadhu.

16Yerusaalemii tiyya ani ganaa harka kiyyaa keessatti si barreeffadheera;

dallawwan kee hennaa maraa hin yaadadha;

17Worri deebisanii si ijaaran worra jajjaba'a;

worri si diigan garuu si irraa fagaatanii deeman;

18Mee ol jedhii naannaya kee laali;

ijoolleen tee maruu wol gayanii gara kee dhufan;

Ani Rabbi jiraataa waan ta'eef

isaan maraa akka uffataatitti uffatta;

akkuma idaayyittiin faaya gara garaatiin qandhaftu atillee isaaniin qandhafta;

19Akka ati diiggamtee ona taatu,

akka lafti teellee diiggamtee baddu yoo si taasisan,

ati worra si keessa jiraachu'uuf gara kee dhufanitti hin dhiphatta;

worri si diigan si irraa dheessanii fagaatan.

20Ijoolleen tee ta hulee baqaatitti dhalatte

‹huleen kun waan nutti dhiphateef

hulee jiraannu badhaa nuu kenni› siin jedhan.

21Achiin maayessa onnee kee keessatti

‹ijoollee tanniin eentu naa uumate?

ani ijoollee dayee dhabe;

baqadhee nama ufitti na qabu dhabe;

eeganaa ijoollee tanniin eentu guddise?

ani hojja kiyya hafee turee

ijoolleen tunniin eessaa dhufte?› » jetta.

22Rabbi Gooftaan akkana jedha,

«ijoollee tee ta dhiiraa akka boba'atti baadhatan,

ijoollee dubaraa garuu

akka gurmu'utti baataniif

moototaa malkata kenna;

harka kiyya gara worra ormaa hiixadha.

23Mootonni abboota kee ka si guddisan ta'an;

haawwonni manaa ta moototaallee si guddisan;

kallachaan gad jedhanii sii sagadan;

daaraa luka keetiillee hin arraaban;

sababaa kanaaf ati akka ani Rabbiin ta'e beetta;

worri gargaarsa argachu'uuf eeggatan sirima hin saalfatan» jedha.

24Janna harkaa waa booji'anii danda'uu?

nama gar jabeessa harkaa waan inni booji'e harkaa gad dhiisisuun danda'amaa?

25Rabbi akkana jedha,

«Ani worra siin mormu waan mormuuf

boojuun janni harkaa qabuu harkaa fudhatama;

nama gar jabeessa harkaallee boojuun hin fuudhan;

Ani ijoollee tee hin oolcha.

26Worra garaa sitti jabaatan akka foon ufii nyaatan godha;

akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayuutitti

akka dhiiga ufii dhuganii machaayan godha;

sababaa kanaaf baniin adunya'aa maruu

akka ani Waaqa jabaa Israa'eliitii fi akka ani Rabbii fayyisaa si oolchu ta'e beekan»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help