Kitaaba Iyyoobii 28 - Kitaaba Woyyuu

Weedduu Ogummaa Jaju'uuf Dhiyaate

1«Dhugamaan huleen albuunni birri'ii qotamee bawuu fi

huleen worqii itti bassan hin jira.

2Sibiilli lafa keessaa argama;

sibiilli diimaanillee dhagaa irraa baffamee baya.

3Namoonni dukkana balleessu'uun

haga qilee lafa jalaa kutanii seenu'uun

gara keessa gad fago'oo seenu'uun

dukkana jaamaa keessa albuuda barbaadan.

4Namni hulee jiraatu irraa fagaatee;

lafa lutti namaa irra ijjatee hin beenne gaya;

achitti boolla qilee qotan;

haada irratti rarra'a'aa namaan adda bayanii hojjatan.

5Lafti midhaan nyaataa baafti;

keessi isi'ii ibiddaan gubamee ol gara gala.

6Dhagaan «Saampeer» jedhamu ka gatii mi'a'aa dhagaa isi'ii keessatti argama.

biyyee isi'ii keessattillee worqiin argama.

7Karaa isi'ii cuungululleen hin beeku;

Ijji rumichaallee hin argine.

8Ijoolleen worra uf jajanii irra hin ijjanne;

leenci darmiinillee karaa san irra hin lufne.

9«Namni hennaa lafa qotu harka ufii dhagaa hoofii irra kaaya;

gaarranillee hunde'ee gara galcha.

10Dhagaa qarsa'aa baqassee karaa hulluuqaniin qopheessa;

Albuuda dhagaa gatii gudda'aallee achi keessaa argata.

11Burqaa bisaaii akka hin yaane ittisa;

qabeenna lafa jalatti dhokatellee hin argata.

12Eeganaa ogummaan eessatti argamti ree?

Huleen hubanna'aa hoo eessa?

13«Ogummaan lafa uumamni lubbuu qabu keessa jiraatu keessatti hin argamtu;

Namni gatii isi'ii ka dhuga'aa beekullee hin argamu.

14Garbi ‹na keessa hin jirtu› jedha.

Galaannillee ‹na woliin hin jirtu.› jedha.

15Ogummaan worqii qulqullu'uun hin bitamtu;

gatiin isi'ii birri'itti hin bikkamu.

16Ogummaan worqii oofirii,

maraagidii fi mi'a gatii gudda'aa ka «Saampeer» jedhamu caalaa ta kabajjamte.

17Worqi'ii fi uf argaan qulqullaayellee isi'itti hin bikkamu;

meeshaa faaya worqi'iitiinillee hin jijjiiramtu.

18Wonti kabajjamaan Elellaanii fi Meettiin ogumma'aan wolitti hin bikkaman;

gatiin ogumma'aa mi'a gatii gudda'aatiillee oli.

19Mi'a ‹Toophaaziyoon› jedhamu ka Itoophiya'aatiin wol hin qixxaayu;

worqii misha'attillee hin bikkamu.

20Eeganaa ogummaan eessaa dhufti ree?

hubannaan hoo eessatti argamti?

21Ija worra jiraatanii maraa afo'oo milixxeerti.

Allaattiiwwan sami'ii jalaallee dhokatteerti.

22Badiinii fi duuti;

‹Oduu isi'ii gurra keennaan dhageenneerra› jedhaniiran.

23«Karaa gara isi'ii fiduu fi

hulee isiin itti argamtu Rabbumatu beeka.

24Inni daangaa lafaa hin laala;

waan sami'ii gad jiru maraa hin arga.

25Qilleensaa hennaa waan bikkuun qopheesse;

garballee hennaa bikkitu'uun bikke,

26Roobaaf seera,

gigissa'aa fi bakakka'aallee hennaa karaa baase,

27Hennaa san Rabbi ogummaa hin laale;

madaalee kabajjeen;

qoratee jabeesseen.

28«Yoo san namaan

‹ogummaa jechuun Rabbiin sodaachu'u;

hubannaa jechuun waan hamaa irraa fagaachu'u jechu'u› jedheen.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help