1Maqaan mishaan durummaa heddu caalaa filatama;
kabajjamuun meeti'ii fi worqii caala.
2Wonti dureessinii fi hiyyeessi woliin qaban;
Rabbii uumaa isaanii ta'e.
3Namni hubataan hennaa balaa argu hulee itti dhokatu barbaada;
ka bilchinna hin qabne garuu ittuma deemee rakkoo irratti kufa.
4Kasoomuunii fi Rabbiin sodaachuun
qabeenna, ulfinnaa fi jireenna argamsiisa.
5Karaa worra hammeeyyi'ii irra qore'ee fi siibo'otu jira;
ka lubbuu ufii eegu garuu kanniin irraa fagaata.
6Finna karaa inni deemu barsiisi;
inni hennaa jaarellee achi irraa hin goru.
7Dureessi hiyyeessa bulcha;
ka liqeeffatu garbicha ka liqeessuuti.
8Namni hammeenna facaasu rakkinna haamata;
uleen isaa ta lolaallee hin baddi.
9Namni arjaan ufumaa eebbifama;
nyaata ufii hiyyeeyyii woliin qoodama.
10Nama baldu baasi; lolli hin dhaabataa;
lollinii fi arrabnillee hin hafa.
11Nama garaa qulqulluu jaalatuu fi nama dubbiin isaa gaachena qabu;
mootiin jaalalloo ta'aan.
12Ijji Rabbii beekkumsa hin eega;
dubbii namoota hin amanamnee garuu hin balleessa.
13Amshaaggaan, «leenci waan dida jiruuf;
yoo diida baye na ajjeesa ta'a» jedha.
14Afaan dubartii seebartuu akka boolla qile'eeti;
ka Rabbi loleen itti bada.
15Gowwummaan garaa daa'imaatitti hidhameera;
uleen gorsaa garuu isa irraa fageessiti.
16Namni qabeenna kuufatu'uuf hiyyeessa miidhu;
ka dureessaa kennaa dhiyeessu,
isaan lachuu hin hiyyooman.
Gorsa Soddomaa Ka Ogumma'aa17Jecha ogeeyyi'ii qalbi'iin dhagayi;
garaa kee gara barumsa kiyyaa deebisi.
18Hennaa garaa kee keessatti isaan eedde;
isaan maruu yoo afaan kee keessa jiraatan si gammachiisan.
19Kanaafuu akka ati Rabbiin abdattuuf;
ani adha si barsiisa.
20Ani barumsa mishaa gorsaa fi
dubbii beekkumsaa sii hin barreessinee?
21Ka si ergeef deebii ta'u akka kennitu
akka dubbii dhuga'aatii fi amanamaa ta'an si barsiisuufii mitii?
22Waan hiyyeeyyii ta'an calla'aaf hiyyeeyyii hin saamin;
rakkataallee bayima afo'otti hin cunqursin.
23Rabbi waan isaanii murteessuuf;
worra isaan saaman hin saama.
24Nama biibbayuun jaalalloo hin ta'in;
nama salphamatti aaruun hin goshoomin.
25Kana ta'uu baannaan karaa isaa baratta;
atillee siiboo kanaan qabamta.
26Waada'aaf harka hin dhayin;
liqeeffata'aa wobii hin ta'in.
27Yoo waan kaffaltu dhabde;
siree irra raftu si jalaa fudhata.
28Malkata daanga'aa ka abboonni tee ta durii
dhaaban hin buqqisin.
29Nama ogummaa ufiitiin leenji'e argiteertaa?
mootota biratti kabajjamaa ta'a;
namoota hin mallee hin hojjatu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.