1Lafa laggiin Itoophiya'aa gama jirtu;
ta koola hargufamu qabduu hobbaas!
2Tunillee ta ergamtoota galaana irraan;
ta laga gamaa yabala dhallaaddu'uutiin ergitu;
isin ergamtoonni ariifattan;
gara banii dhedheera'aatii fi ka gogaa lallaafa'aa;
banii fago'oo fi dhiyo'ottillee sodaatamu;
jabaa'aa fi ka afaan isaa namaa hin galle;
gara mootota laggiin isaanii lafa isaanii qoqqooduu deemaa'a!
3Isin banii adunya'aa;
worri ardii irra jiraattan maruu;
gaarran irratti malkata fannifame argitan;
hennaa xurumbaa afuufan hin dhageettan.
4Rabbi akkana naan jedheera;
«cadhisee taa'a;
akka oo'a adu'uu ka hulee ufiitii ifuu;
akka duumessa oo'a haama'aa keessa bu'ee ta'ee laala.»
5Haama'aan dura yoo hennaan abaabo'oo lufe;
yoo abaaboon akka daraaraa woyini'ii ka gayee ta'e;
ka gaalee woyini'ii irratti biqile maqasi'iin cira;
damee irraa kukkutee balleessa.
6Maruu allaattii butu ka gaara irra jiraatuu;
bineensa bosonaatii dhiisan;
allaattiin bona guutuu nyaata'aa dabarsan;
bineensi bosonaallee ganna guutuu nyaata'aa dabarsan.
7Hennaa san Rabbii Gooftaa banii maraatiif;
banii dhedheera'aa fi cululuqa'aa;
banii fago'oo fi dhiyo'ottillee sodaatamu;
jaba'aa fi ka afaan isaanii namaa hin galle;
mootummaa laggiiwwan lafa isaanii gar gar qoodu irraa;
kennaan dhufaaf;
kennaan gara gaara Tsiyoonii ka maqaan Rabbi Gooftaan banii maraa jiruu dhufa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.