Raajii Ermiyaasii 14 - Kitaaba Woyyuu

Waan Bona Rakkisa'aa

1Rabbi waan caama dhufu'uuf ta'uu akkana naan jedhe,

2«Biyyi Yihuuda'aa gadda keessa jirti;

qachoonni isi'iillee du'aaf dhaanama'aaran;

baniin isi'iillee gaddanii daaraa irra taa'anii booyan;

Yerusaalem Rabbitti iyyatti.

3Dureeyyiin bisaan soqaa hojjattoota ufii ergan;

isaanillee gara boolla bisaanii dhaqan;

garuu sirima bisaan waan hin arganneef ottee duwwaa baadhatanii deebi'an;

isaan abdii kutatanii waan malli harkaa baduuf,

gaddanii haguuggatan.

4Waan roobni dhabamuuf lafti hin goddi;

qonnaan bultoonnillee abdii kutatanii

gaddanii haguuggatan.

5Waan margi sirima dhabameef,

gadamsi ilmoo dhale raasa'atti dhiise biraa deema.

6Harriin diidaa waan dheebotaniif,

tulloota maraa irratti bayanii akka jeedalaa arraba rarraasan;

sababaa waan nyaatan hin arganneef isaan arguu dadhaban.

7Baniin kiyya akkana jedhee iyya,

‹yoma hagamillee yakki keenna guddaan ragaa nutti ta'e,

yaa Rabbi! akka dubbii waadaa keetiitiin nu gargaari;

nu si irraa fagaannee si gaddisiifneerra.

8Abdiin Israa'elii sima calla'a;

ka balaa jalaa nu baasullee sima calla'a;

eeganaa wonti akka keessummaa

halkan tokko bulee bawuu taateef maali'i?

9Ati akka nama malli harkaa badeetii fi akka loltuu jabaa nama biraa gargaaruu hin dandeennee taata?

yaa Rabbi! ati garuu nu jidduu jirta;

nu maqaa keetiin waamamnaa

yabo'oo nu hin gatin.› »

10Rabbi waan banii kanaatiif akkana jedha, «Isaan na irraa fagaatanii deemuu jaalatan uf hin qaban; kanaaf ani isaanitti hin gammadu; yakka isaanii maraa yaadee waan cubbuu isaaniitiif isaan adaba.»

11Rabbi akkana naa jedhe, «Waan banii kanaatiif na hin kadhatin;

12Yoma sooma'aa na kadhatanillee kadhaa isaanii hin dhagayu; ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii yoo naa dhiyeessanillee ani waan kanniiniin hin gammadu; ani sirima isaaniin lola; beelaa fi dhukkubaan akka dhuman isaan taasisa.»

13Anillee akkana jedhe, «Rabbi Gooftaa kiyya! raattonni ‹lollinii fi beelli hin jiru› jedha'aa bani'itti himan; akka waan nageenni guddaan lafa teenna irra jiruutitti Rabbi dubbateera› jedhan»

14Rabbi akkana jedhee deebise, «Raattonni maqaa kiyyaan soba dubbatan; ani isaan hin ergine; isaanillee hin ajanye; jechuma tokkollee isaanitti hin dubbanne; mudhanni isaan argine jedhan maruu ka ana biraa dhufee miti; raanni isaanii maruu mudhata sobaa, mita, waaqa tolfamaa waaqeffatu'uu fi yaada duwwaa uf keessaa burqisiisan.

15Kanaafuu worra raattotaa ka uduu ani isaan hin ergine maqaa kiyyaan ‹biyya keennatti beellinii fi lolli hin dhufu› jedha'aa raaga dubbatan ani Rabbi akka isaan lolaa fi beelaan dhuman godha.

16Baniin isaan waan kana raaganiif maruu beelaa fi woraanaan dhuman; reeffi isaan maraatuu karaa Yerusaalemii maraa irratti gatama, ka isaan awwaalu hin jiru; wonti kun haawwota manaa isaanii, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa maruu uduu hin hafne isaan maraa irrattuu ta'a; haguma yakka isaaniitiin adabbii isaan barbaachisu isaanii kenna.»

17Waan kanaaf Rabbi bani'itti akkana jedhee akka himu na ajaje.

«Baniin kiyya guddisee madaayeera; guddisee miidhameera;

kanaaf halkanii fi guyyaa uduu wol irraa hin kunne booya;

ija tiyya keessaa imimmaan hin qooru.

18Ani yoo gara raasa'aa bayu reeffa namoota ajjeessanii arga;

yoo gara qacha'aa deebi'u worra beelayanii du'u'uuf dhidhiitatan arga;

worri raattotaatii fi gadoonni hajaa ufii callaa duukaa bu'an;

garuu waan godha'aaran hin beekan.»

Worwaata Baniin Rabbiin Worwaatan

19Yaa Rabbi! biyya Yihuuda'aa sirima jibbu'uuf taataa?

banii Tsiyooniillee akka jibbiteen dhiisu'uuf taataa?

wonti ati akka nu hin fayyinetti nu miiteef maali'i?

nu nagaya arganna jennee abdannee turre,

garuu waan mishaa woyiituu hin arganne;

nu fayyinna arganna jennee abdannee turre,

garuu raafamni nutti baay'ata'aa deeme.

20Yaa Rabbi! nu si yakkineerra;

kanaafuu cubbuu keennaa fi cubbuu abboota teenna ta duriitiif si afo'otti aagii galla.

21Nu hin tuffatinii dubbii abdii keetii yaadadhu;

Yerusaalemii teessoo ulfinnaatii fi gaachena keetii taate hin salphisin;

waadaa nu woliin galte qaabadhu.

22Waaqolee tolfamaa ormaa keessaa

ka rooba roobsuu danda'u tokkollee hin jiru;

samiin fedha ufiitiin tiifuu hin tiifu;

Rabbi Waaqa keenna!

ka waan kana maraa godhu si'ii

nu si abdanna.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help