Kitaaba Ruutii 2 - Kitaaba Woyyuu

Ruuti Maasaa Boo'eezii Keessaa Qaarmaa Guuratte

1Nuhaamiin nama dureessa beekkamaa Boo'eez jedhamu ka fira abbaa manaa isi'ii Abemelekii qabdi.

2Gaaf tokko intalti biyya Moo'aabii Ruuti, Nuhaamiin «Maasaa nama ani afoo isaatitti gaachena argadhuu dhaqee qaarmaa guuraa» jetteen. Nuhaamiinillee «Mucattii tiyya! deemi!» jetteen.

3Ruuti gara maasa'aa deemtee midhaan worra haamu harkaa harca'u uduu guurtu akka tasaa maasaa namicha dureessa beekkamaa Boo'eezii fira Abemelekii akka ta'e hubatte.

4Hennaa diqqo'oon maayii Boo'eez Beeteliheemii gara maasa'aa dhufee worra haamaniin «Nagaa ooltanii Rabbi isin woliin haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaanillee «Rabbi sillee haa eebbisu!» jedhanii deebisaniif.

5Boo'eez ajajaa worra midhaan haamuutiin «Intalti dargaggeettiin tun ta eennuuti?» jedhe.

6Ajajaan worra midhaan haamuullee akkana jedhee deebiseef «Isiin dargaggeettiin tun Nuhaamiiniin woliin ta biyya Moo'aabiitii dhufte ta gosa Moo'aabiiti.

7Isiin worra haamu faanaa deema'aa harca'aa qixira'aa jiddu'uu qaarmaa guuru'uuf na gaafatte ganama irraa jalqabdee haga ammaa qaarmaa guura'aa turte; hennama diqqo'oofillee manatti galtee hara hin baafanne» jedheen.

8Boo'eez Ruutiin akkana jedhe «Mucattii tiyya! na dhageettaa? hojjattoota tiyya ta intalaa ta as jiran tanniin faanaa deema'aa guuri malee gara maasaa biraa hin deemin.

9Hulee isaan dhaqanii haaman eega'aa isaan laala'aa isaan woliin taa'i; hojjattoonni kiyya ka dhiiraa akka si hin rakkifne isaan seereeraa; yoo dheebotte hulee isaan otte'een woraabanii kaayanii fudhata'aa dhugi» isi'iin jedhe.

10Isiin kallachaan gad kuftee sagaddeefii «Ani nyaapha ta'ee akka waan kiyya yaaddu attamitti afoo keetitti gaachena argadhe?» jetteen.

11Boo'eezillee akkana jedhee deebiseef «Haga abbaan manaa kee du'e irraa jalqabee waan mishaa soddaatii teetii goote maraa; akkasuma abbaa keetii fi haadha tee, biyya itti dhalattellee dhiiftee banii asiin dura hin beenne jidduu seentee jiraachu'uuf akka dhufte dhagayeera.

12Rabbi waan mishaa gooteef gatii kee sii haa kennu! Rabbi Waandhi Israa'elii ka ati na eega jettee abdatte gatii kee guddisee sii haa kennu!» jedheen.

13Ruutillee «Gooftaa kiyya! uduu akka hojjattoota keetii keessaa akka takkatti'iititti woma tokkoo sii hin goone, ana tajaajiltuu tee dubbii misha'aan na jajjabeessiteerta gaachenni si biratti argadhe kun akka adda hin cinne si kadhadha» jetteen.

14Hennaa laaqanaa Boo'eez Ruutiin «Dhiyana itto'oon tuqata'aa nyaadhu» isi'iin jedhe. Isiinillee worra midhaan haamu woliin teette. Boo'eezillee asheeta woddame isi'ii kenne; isiinillee haga quuftutti nyaattee hambaa hambifte.

15Achii qaarmaa guuru'uuf hennaa kaatu Boo'eez ka'immaniin, «Waan qixiraa keessa jiru haa guurattuu isii hin dhoogginaa'a;

16qixiraa irraallee hambisa'aa kenna'aaf haa guurattuu hin tooyatina'aan» isaaniin jedhe.

17Maasaa keessaa haga galgalaa qaarmaa guurte; qaarmaa garbu'uu ka guurtellee tumtee haga kooboo sadihii ta'e.

18Achiin maayii midhaan baadhattee gara qacha'aa deebitee waan guurte soddaatii ufiititti mudhifte; nyaata hamba'aa ka laaqana irraa hafe isi'ii kennite.

19Soddaatiin isi'ii «Adha eessaa qaarmaa guurte? eessa hojjattelle'e? nama akka mishaa si simate kana Rabbi isa haa eebbisu!» jetteen. Ruuti «Maasaan ani qaarmaa keessaa guura'aa oole ka namicha Boo'eez jedhamuuti» jettee Nuhaamiinitti himte.

20Nuhaamiinillee intala ilma ufiitiin «Waandhi worra jiranii fi worra du'aniif abdii kenne isa haa eebbisu!» namni sun fira keenna ka fooniiti; sirima nama jireenna keennaaf yaadu keessaa tokko» jette. Ser. Lew. 25:25

21Ruutiin worra Moo'aabii ammo deebiftee «Haga isaan haamaa fixaniif worra midhaan haaman biraa hin hafin naan jedhe» isi'iin jette.

22Nuhaamiin Ruutiin «Mucattii tiyya! dhuga'a; intallan maasaa Boo'eezii keessaa qaarmaa guuran woliin uduu guurtee sii woyya gara maasaa nama biraa yoo deemte namoonni gugurdaan si miidhan» isi'iin jette.

23Kanaaf Ruuti haga midhaan haamaa garbu'uutii fi qamadi'ii galutti hojjattoota dubartootaa ka Boo'eezii woliin qaarmaa guurata'aa turte; soddaatii ufiitiinillee uduu adda hin baane woliin jiraatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help