1Guyyaa san Yesuus manaa bayee galaana Galiila'aa bira taa'e.
2 keessa kaayan; badaa ammo hin gatan.
49Hennaa dhuma adunyaa tanaa akkana ta'a. Maleekkonni dhufanii, cubbamtootaa fi qajeellota adda baasan.
5013:42; 8:12 Hulee isaan booya'aa ilkaan itti qaran qilee ibiddaatitti gatan» jedhe.
51Yesuus, «Kana maraa hubattaniirtuu?» jedhee isaan gaafate.
Isaanillee deebisanii, «Ee» jedhan.
52«Kanaafuu barsiisaan seeraa ka dhossaa jeennata sami'ii sirri'itti beeku abbaa manaa ka mana ufii keessaa mi'a haarawaa fi moofaa gad baasu fakkaata.»
537:28 Yesuus mammaaka kanniin haga fixeen maayessa achii ka'ee deeme.
54Gara biyya ufiititti deebi'ee Mana sagada Yihuudotaa seenee haga isaan isa maalalanitti isaan barsiisa'aa ture. Isaanillee, «Namichi kun oggummaa kanaa fi hunna maalalee kana ittiin hojjatu eessaa argate?
5512:46; Yoh. 6:42 Kun ilma namicha ogeessa muka bocuutii mii? Haati Maariyaam jedhamtii mii? obboleeyyan isaa Yaaqoob, Yoosaa, Simoonii fi Yihuudaa fa'aa mii?
56Yoh. 7:15; 12 Intallan haadhaa maruu nu bira jiranii mii? Inni waan kana maraa eessaa argate?» jedhan.
57Yoh. 4:44 Kanaaf isaan isa tuffatan. Yesuus ammo isaaniin, «Raanni tokko biyya biraatitti malee biyya ufiitii fi mana ufii keessatti ulfinna hin argatu» jedhe.
58Sababa amanuu dhabuu isaaniitiif Inni baasa hedduu achitti hin hojjanne.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.