Raajii Isaayyaasii 15 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Rabbii Ka Moo'aabitti Dubbatame

1Dubbiin waan Moo'aabiitiif dubbatame kana;

Eeriin Moo'abii diiggamteerti;

halkan tokkoon barabdoofte;

Qiiriin Moo'abii hin diiggamte;

halkan tokkoon barbadoofte.

2Diboon gara mana woyyu'uu baye;

booyu'uuf gara tullu'uu baye;

Moo'aab waan Naaba'aa, waan Meedibaamiillee;

iyya dhageessisa.

mataan maruu cirameera;

areenni maruu haadameera.

3Karaa marattuu uffata gaddaa uffatan;

gamoowwanii fi bayimatti

maruu hin booyan

imimmaan jissan.

4Haseboonii fi Eeliyaali hin iyyan;

laagaan isaanii haga Yahaadiititti dhagayame;

kanaafuu loltoonni Moo'aabii hin iyyan;

garaan isaanii hin raafame.

5Garaan kiyya waan Moo'aabiitiif hin booye;

baqattoonni isaaniillee haga Zoo'aarii;

haga Eeglaatii, haga Shilishiya'aa dheessan;

imimmaan ufii dhangalaasa'aa;

gara Luhiitii bayan;

karaa Horonaayimii irratti

waan badii ufiitiif banne jedha'aa yaa'an.

6Bisaan Neemire'ee goganiiran;

margi quureera;

biqillillee badeera;

wonti lalisaan hin mudhatu.

7Kanaafuu durummaa argatan;

qabeenna kuufatan;

baadhatanii laga Ahaya'aa ceesisa;

8iyyi isaanii haga Eglaayimii;

mararoon isaanii haga Bi'eeri'iiliimii gaye.

9Laggiin Diboonii dhiigaan guuttamaniiran;

Dibooniin irratti garuu waan san caalu fida;

worra Moo'aabiin keessaa dheessan;

worra lafa san irratti hafanittillee

leenca erga.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help