1«Namni sangaa yookaan hoolaa hatee qalate, yookaan yoo gurgurate, bikka sangaa tokkochaa sangoota shanii, bikka hoolaa tokkoo hoolota afur haa kaffaluu.
2Hattuun uduu mana qotu yoo qabame haga du'utti yoo dhayamee du'e namichi dhaye sun guma'aan hin gaafatamu.
3«Haga bariite yoo ajjeese guma'aaf gaafatama; hattichi ammo waan hate san haa deebisuu; yoo waan deebisu dhabe, waan hateef garbumma'atti haa gurguramuu.
4Wonti inni hate sangaa ta'ee'e, harree yookaan yoo hoolaa ta'e waan hate san dachaa lama godhee haa kaffaluu.
5«Namni kamuu gara maasa'aa yookaan gara lafa woyini'ii horii ufii yoo itti gad dhiisee maasaa nama biraa dheechise, wonti maasaa sanii bikkamee haa kaffalamuufii.
6Namni tokko ibidda midhaanitti qabsiisee ibiddi sun yoo midhaan gube namichi ibidda san qabsiise tilmaama haa kaffaluu.
7«Namni tokko qarshii yookaan waan biraa yaboo goshoo ufii bira yoo kaayatee mana isaatii hatamee hattichi hate sun yoo argame, waan hate san dachaa lama haa kaffaluu.
8Yoo hattichi argamuu baate, namichi meeshaan sun itti kenname sun seeratti haa dhiyaatu; qabeenna goshoo ufii san tuqu'uu fi tuquu dhabuu isaa haa kakatuu.
9«Namoonni waan sanga'aa, waan harre'ee, yookaan waan hoola'aa, waan uffataa yookaan waan jalaa bade maraaf wol himatanii kiyya jedha'aa yoo wol falman falmiin isaanii sun gara seeraa haa dhiyaatuu; waan worri seeraa itti mure goshoo ufiitii dachaa lama haa kaffaluu.
10«Namni yoo yaboo goshoo ufiitii harree'e, sangaa'a, hoola'aa fi horii biraa isa bira kaayatee namichi inni itti kennate sun uduu hin argine yoo du'e yookaan yoo miidhame, yookaan yoo saamame,
11waan goshoo ufii san akka hin tundhe ragaa yoo qabaate isaanumti lamaan kakuu Rabbii wolii haa kakatanii; abbaan hori'iillee kakuu san haa amanuu; kuunillee womaa hin kaffalin.
12Yoo horiin sun isa biraa hatame ammo bikka horii isa biraa hatamee san horii biraa haa deebisuufii;
13horii san yoo ka bineensi nyaate ta'e, waan bineensa irraa hafe raga'aaf haa dhiyeessuu; waan bineensi nyaateef horii san hin kaffalin.
14«Goshoo ufii irraa horii ergifatee bakka inni hin jirretti yoo miidhame yookaan yoo du'e sirima haa kaffaluu;
15abbaan ammo yoo isa woliin jiraate hin kaffalin; yoo kiraa fudhatee jiraate, gatiin kira'aaf kaffalu sunuu horii san bakka bu'a.
Adaba Ittiin Jiraatanii Fi Seeraawwan Amanti'ii16«Namni tokko durba duudaa takka sobee yoo durbummaa isi'ii irraa fudhate waan qaadhimaa kennee isii haa fuudhuu;
17yoo abbaan mucatti'ii dhooggate, waan seera durbummaa isi'ii isaa haa kaffaluu.
18«Dubartiin mita namatti gootu haa ajjeefamtuu;
19«Namni hori'itti oolee battaaye haa ajjeefamuu.
20«Rabbii malee ka waaqa biraa kamiifillee ciincaa dhiyeessu sirima haa ajjeefamuu.
21«Isin waan biyya Misiriititti galtuu taatanii jiraata'aa turtaniif nama isinitti gale gad qabdanii hin rakkisinaa'a;
28«Rabbiin hin arrabsin; bulchoota banii keetiillee hin abaarin.
29«Qixiraa kee, daadhii woyini'ii kee, dhadhaa ejersaa kee ka duraa naa dhiyeessi;
«Ijoollee tee ta dhiiraa keessaa hangafa naa kennita.
30Loonii fi hoolota kee keessaallee akkasuma naa goota; haga guyyaa torbaa callaa haadha woliin haa taa'uu; guyyaa saddeetesso'ootitti naa kennita.
31«Isin banii woyyuu naa taatan; kanaafuu horii lafa gammoojji'ii keessatti bineensi butee ajjeese sare'ee kennaa malee hin nyaatinaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.