1Kanaan maayessa Iyyoob deebisee akkana jedhe,
2«Maal gaddi kiyya uduu madaalamee jiraatee!
maal uduu rakkoon kiyya maruu laallamee jiraatee!
3silaa xindhacha galaanaa caalaa ulfaata ture;
kanaaf dubbiin kiyya ka aari'ii
si maalalchiisuu hin qabu.
4Waandhi waa mara danda'u buundheewwan ufiitiin na woraaneera.
hadhaan sun hafuura kiyya keessaa baya;
balaan Rabbii ka nama naasisu na marseera.
5Dhugamaan Harreen diidaa uduu margi jiru hin iyyaa?
yookaan sangaan uduu buraa qabu hin baroodaa?
6Nyaanni hin mi'oofne sooqidda malee hin nyaattamaa?
yookaan bisaan kalle'ee adiin hin mi'aayaa?
7Nyaata akkanaa kana tuquu hin jibba;
yoo nyaadhellee fayyaa na dhoogga.
8«Maal uduu kadhaan kiyya naa dhagayamee!
Maal Rabbillee uduu hawwii kiyya naa kennee!
9Kana maraa irra fedha isaa ta'ee uduu na caccabsee!
Harka ufiillee diriirsee uduu na balleessee!
kun silaa anaaf jajjabeenna kenna.
10Ani yoomiinuu dubbii woyyichaa waan hin waakkanneef,
yoo hagamillee dhibeen natti baay'ate,
gammachu'uun utaala ture.
11Ani ammaa achi abdii maal qaba?
obsaan eeggachu'uuf humna eessaa fida?
12Ani humna akka dhaga'aa qabaa?
nafni kiyya akka sibiila diima'aa hin jabaataa?
13Uf gargaaru'uuf humna hin qabu,
Humni ani qabu maruu na irraa fudhatameera.
14«Namni amanamummaa goshoo ufiitiif qabu balleessu,
nama sodaa Rabbii dhiise.
15Obboleeyyan tiyya garuu hin amanaman; isaan akka lolaa lola'ee goguutii fi
akka laggiin hin amansiifneeti.
16Isaan akka laga qorri irratti bu'ee booreessuu,
akka baradaa baqeen ol tuulamuuti.
17Ji'oota bonaa garuu hin gogan.
Laggiinillee goganii duwwaa ta'an.
18Daldaltoonni horii fe'a'aa oofanii karaa san irra lufan,
bisaan barbaadu'uuf gammoojjii keessa badan.
19Daldaltoonni Teemaa bisaan barbaadan;
Imaltuun Saaba'aallee isaan abdatan.
20Abdii isaan godhatan garuu hin saalfatan,
hennaa achi gayan hin qaanayan.
21Amma isinillee anaaf akkasuma taataniirtan;
rakkoo kiyya laaltanii sodaattan.
22Ani amma «waan tokko naa fidaa'a,
yookaan durummaa keessan irraa liqaa naa kaffalaa'a,
23yookaan harka diina kiyyaatii na buusaa'a;
yookaan harka diinaatii na furaa'a» isiniin jedhee?
24«Isin na barsiisaa'a ani hin cadhisaa;
waan dogoggorellee natti himaa'a.
25Dubbiin qajeellumma'aa akkam jabaata!
yakka na irra barbaaduun keessan bu'aa maal qaba?
26Isin dubbii ani dubbadheef na teedeffachuu barbaaddanii?
Dubbii nama abdii hin qabnee akka qilleensaatitti laakkoftanii ree?
27Worra abbaan irra hin jirre garboonfachuu barbaaddan;
fira keessaniillee boolla qottan.
28Amma yabo'oo gara kiyya laalaa'a;
isin afo'otti soba hin dubbadhu.
29yakka akka hin taane yabo'oo deebi'aa'a.
karaa irraa hin badinaa'a
ani ammumaa dhugaa qabaa as deebi'aa'a.
30Arrabni kiyya daba dubbateeraa?
afaan kiyya dubbii ta'uu fi dubbii hin taane gara gara baasuu hin danda'uu?
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.